Tamsaasa Kallatti:

Afrikaan Karoora misoomaa fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 Hojiirra oolchuun kutannooshee qabatamaan mirkaneessuun agarsiisaa jirti

Ebla 20/ 2018 (ENA): Afrikaan karoora Misoomaa fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 hojiirra oolchuun guddina fulla’aa mirkaneessuuf kutannoo qabdu qabatamaan agarsiisaa akka jirtu, Itti Aantuun dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maalik Hadaadii ibsan.

Komishiniin Dinagdee Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Baankii Misooma Afrikaa fi qaamolee biroo waliin ta’uun mata duree "Galma Ajandaa 2030 fi 2063 milkeessuuf adeemsa walta’iinsa qabuu fi ce’umsaa hordofuun" jedhuun yaa’ii Misooma fulla’aa Riijinii 12ffaa qopheesse magaalaa Finfinnee Komishinii Dinagdee Afrikaatti geggeeffamuu eegaleera.


Yaa’iin misooma fulla’aa Riijinii Afrikaa waggaa waggaan geggeeffamu raawwii galmoota misooma fulla’aa Ajandaa 2030 fi 2063 Gamtaa Afrikaa ni gamaaggama.

Itti Aantuun dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maalik Hadaadii yeroo kana akka himanitti, Ajandaa 2030 fi 2063 wal-gargaaraa kan deemani dha jedhaniiru.

Akkasumas, Afrikaa keessatti guddina hunda galeessaa fi ce’umsa dinagdee fulla’aa ta’e uumuuf kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa karoora raawwii Ajandaa 2063 12ffaan Mandhaalee akka ta’u tarkaanfii bu’uuraa fudhachuusaa dubbataniiru.


Biyyoonni Miseensa Gamtichaa karoora misooma biyyaalessaa isaanii ajandaa kana wajjin walsimsiisaa dhufuusaanii eeruun, ramaddiin baajataa fi imaammattoota isaanii xiyyeeffannoo Afrikaan itti kenniteef dursi kennamaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Galma Ajandaa 2030 fi 2063 milkeessuun Afrikaa badhaate dhugoomsuuf, walta’iinsii fi tumsi biyyoota gidduu jiru itti fufinsa qabaachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015