Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Misooma Koriidaraa Baadiyyaatiin Ijaarsi Gandoota Qonnaan Bultoota Modalaa Marsaa Lammaffaan Eegalame

Ebla 20/2018(ENA)-Naannoo Harariitti ijaarsi misooma koriidara baadiyyaa gandoota qonnaan bultoota moodeelaa sagantaa misooma koriidara baadiyyaa marsaa lammaffaa, bakka Bulchaan Nannichaa Ordiin Badriin argamanitti eegalameera.


Bulchaan Naannichaa Ordiin Badriin ijaarsa gandoota Jireenyaa qonnaan bultoota moodalaa yeroo eegalchiisan akka dubbatanitti, mootummaan nannichaa yeroo kamiyyuu caalaatti hojiilee fayyadama haqa-qabeessa lammiilee mirkaneessan hojjachaa jira.

Akkuma hojiiwwan bu’a qabeessi misooma koridarii Magaalaa Harar fakkeenya taasisan raawwataman, mala kana misooma koridaraa baadiyaa Aanaalee Naannichaa gara garaa keessattis irra deebi’uuf hojjetamaa jira jedhan.

Hojiiwwan misooma koridaraa baadiyyaa Aanaalee Nannichaa garaagaraa keessatti raawwatamu, bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo ta’an guutuun ala, qonnaan bultoonni jireenya ammayyaa fi mijataa ta’e akka jiraatan kan dandeessisu ta’uus himaniiru.

Ammaan dura Hojii misooma koriidaraa baadiyyaatiin Manni Jireenyaa ammayyaa meeshaalee manaa kan guutameef ijaaramee qonnaan bultootaaf dabarfamuusaa kaasaniiru.


Sagantaa marsaa lammaffaa pirojektii gandoota qonnaan bultoota modalaatiinis Manneen 250 akka ijaaraman eeraniiru.

Ijaarsi gandoota qonnaan bultoota modalaa qabeenya naannichaa fayyadamuun akka dhugoomu ibsanii, qonnaan bultoonni naannichaatti argmanis pirojektichi akka milkaa’uuf akkuma kanaan duraa qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru.

Kana malees bulchaan kun, naannichatti Magaalaa fi baadiyyaatti hojiiwwan hojjetamaa jiran irra deemanii daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015