Tamsaasa Kallatti:

Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa Bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun ibsame

Ebla 20/ 2018 (ENA)- Imaammanni Fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhukkubaa fi yaala irratti xiyyeeffatee, lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu dandeessisu bu'aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu ministeerri ibseera.

Imaammanni fayyaa ittisa dhukkubaa Itiyoophiyaa waggoota dheeraa, karaa Ekisteenshinii fayyaatiin dhukkuboota daddarboo hir'isuun gumaacha olaanaa gumaacheera.

Erga jijjiirama biyyaalessaan asitti, dandeettii ittisa dhukkubaa fi yaala dhaabbilee fayyaa walitti makuun cimsuudhaan, rakkoolee fayyaa walxaxoo ta'aniif furmaanni kennamaajira.

De’eetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ENA’f ibsa kennaniin, Waggoota jijjiiramichaa keessa dandeettii dhaabbilee fayyaa cimsuudhaan, ittisa dhukkubaa fi yaalanii fayyisuurratti bu'aan qabatamaan dhufeera.

Imaammanni kunis dandeettii qindoominaa cimsuudhaan lammii omishuu fi fayya-qabeessa horachuu bu’aa dandeessisu argamsiiseera.

Hojiiwwan misoomaa keellaa fayyaa irraa hanga Hospitaala Rifeeraaliitti raawwatamaniin, qulqullinaa fi dhaqabamummaa tajaajilaa babal'isuun danda'ameera jedhaniiru.

Dandeettii ogeessota fayyaa cimsuuf, dhaabbilee barnootaa biyya keessaa fi biyyoota alaa keessatti carraa barnootaa mijeessuun, dandeettii ogeessotaa guddisuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila dhaabbilee fayyaa qulqullina qabu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaniin, du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuun, haadholii dhaabbilee fayyaatti dahan dabalaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagantaalee Ekisteenshinii Fayyaa Keellaa fayyaan kennaman gara buufata fayyaa waliigalaatti guddisuun, tajaajila yaala qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate akka kennan taasifamaa jirachuu ibsaniiru.

Kana keessattis, tajaajila rifeeraalii, talaallii, hordoffii ulfaa fi deessisuu dabalatee tajaajiloota yaala ammayyaa biroo babal'isuun, hawaasichaaf dhiyeenyaan tajaajilaa mirkaneessaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015