Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin damee hawaasummaarratti xiyyeeffate bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira

‎Ebla 20/2018 (ENA)- Waltajjiin damee hawaasummaarratti xiyyeeffate bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiin marii mata duree “utaalchoo misooma hawaasummaa ijaarsa bittaaf” jedhuun gaggeeffamaa jirurratti bu’aaleen ijoo waggoottan darban damee hawaasummaan galmaa’an kan irratti dhihaatan ta’uun ibsameera.


‎ Waltajjichi waltajjii waggoottan saddet darban keessumaa bu’aaleen gama barnoota, fayyaa, carraa hojii ogummaan deeggarame uumuu, aadaan, aartii fi Ispoortiin akkasumas dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaan galmaa’an kan ittiin balballooman ta’uu waajjirri ministira muummee beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015