Imalli misooma anniisaa haaromfamuu fi hubannoo namtolchee Itiyoophiyaan guddina diinagdee saffisiisuuf carraa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Imalli misooma anniisaa haaromfamuu fi hubannoo namtolchee Itiyoophiyaan guddina diinagdee saffisiisuuf carraa uumeera
Ebla 20/2018 (ENA): Imala misooma anniisaa haaromfamuu fi hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa guddina dinagdee saffisiisuuf carraa uumeera jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksis Laameech.
Misoomni dinagdee Itiyoophiyaa garaa garaa bu’aa qabatamaa kan argamsiise yoo ta’u, kunis guddina waliigalaa qonna, industirii, albuuda, turizimii fi sagantaalee dijitaalaa kan itti fufsiisedha.
Fakkeenyaaf, tibbana Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Gamtaa Afrikaa keessatti gaggeessaa ta’anii muudamuun isaanii hubannoo namtolchee (AI) fi fayyaa dijitaalaa ta’uun beekamtii argachuun isaanii bu’aa guddaadha jedhani.
Imalli diinagdee adda addaa Itiyoophiyaan milkaa’aa ta’e fayyadamummaa lammiilee ishee hundaaf mirkaneeffachuu isheetiinis beekamtii ardiilee fi idil-addunyaa argachaa jirti jedhani.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksis Laameek ENEA'tti akka himanitti, Itiyoophiyaan gama misoomaa adda addaatiin guddina ishee saffisiisuuf imala irra jirtu ta'uu ibsaniiru.
Dandeettiin ajaa’ibaa inni anniisaa haaromfamuu fi jijjiirama teeknooloojii irratti uumu biyyoota guddachaa jiraniifis madda muuxannoo fi ogummaa ta’uu ibsaniiru.
Imalli Ityoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda’uu fi misooma hubannoo namtolchee irratti taasiftu dameewwan barbaachisoo guddina diinagdee saffisiisan ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa addunyaaf shoora olaanaa bahachaa jirti jedhani.
Walitti hidhamiinsi anniisaa naannoo Baha Afrikaatti uumame sagantaa misoomaa guddina dinagdee waloo saffisiisuuf barbaachisummaa addaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Itiyoophiyaan bu’uuraalee anniisaa haaromfamuu danda’an babal’isuuf carraaqqii taasiftu keessatti Faransaay deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa barbaachisaa ta’e akka gootu mirkaneessaniiru.
Xiyyeeffannaan Itiyoophiyaan bu’uuraalee dijitaalaayizeeshinii babal’isuuf qabdu guddina dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Dandeettii oomishtummaa dijitaalaa daran guddisuuf Inistiitiyuutiin hubannoo Namtolchee sadarkaa dhaabbileetti hundeeffamuun isaa kan galateeffamu ta’uus hubachiisaniiru.
Xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaa irratti qabu dhaabbilee teeknooloojii jalqaban jajjabeessuun dandeettii kalaqaa fi kaka’umsa cimsuu akka ta’e eeraniiru.