Tamsaasa Kallatti:

Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisanidha

Ebla 20/2018(ENA) - Bakkeewwan Turizimii sagantaawwan Maaddii Shaggariin biyyaa fi dhalootaaf ijaaraman gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan.

Qabeenya Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ministirri kun ibsaniiru.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 17ffaa gaggeesseera.

Akkaataa dambii hojmaataa fi naamusaa miseensotaa mana marichaa keewwata 92’n ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa mana mareetti argamuun gaaffilee miseensotarraa dhihaateef ibsaa fi deebii kennaniiru.

Mootummaan Turizimii akka utubaa dinagdee tokkootti fudhachuun bakkeewwan Turizimii dabalatee hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisan bu’ureffachuun bakkeewwan Turizimii hedduun maaddii Shaggar, maaddii biyyaa fi maaddii dhalootaatiin ijaaramuusaanii eeraniiru.

Hojiileen misoomaa kunneen gumaacha dameen kun dinagdee biyyaaf gumaachu caalaatti kan guddisan ta’uu ibsaniiru.

Sektarri dhuunfaa qabeenyota Turizimii bakkeewwan garagaraatti argaman misoomsuurratti hirmaannaa qaban caalaatti gabbisuuf hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Akkasumas humna hawaasaa qindeessuun misoomsuunii fi sadarkaasaanii guddisuun akka raawwatamanis mirkaneessaniiru.

Bakkeewwan hawattootaa galmeessuu ilaalchisee ibsa kennaniin, haala nama jajjabeessuun hojjetamaa jiraachuu eeranii, amma ammaatti hawattoonni Turizimii 800 ta’an galmaa’uusaanii ibsaniiru.

Kaartaa Turizimii biyyaalessaa qopheessuu ilaalchisee hojiin samuudaa naannoo Sidaamaatti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuusaa eeranii, hojii akkasii guutuu biyyaatti gaggeessuun kallattii itti aanu ta’uu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015