Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hawaasa Godinichaa fayyadamoo taasisu cimee itti fufee jira

Ebla 20/2018 (ENA): Godina Boorana Bahaatti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetame hawaasa fayyadamoo taasisu cimee itti fufuusaa Waajjirri Maallaqaa Godinichaa ibseera.

Waajjirichatti dursaan Garee Karooraa fi Baajata, Hordoffii fi Madaallii Damee Diinagdee Liiban Annaa ENAtti himaniiru.


 

Fedhii bu’uuraalee misoomaa hawaasaa guutuuf piroojektoonni 145 godinicha keessatti hojjetamaa jira jedhani.

Pirojektoonni gurguddoon kunneen keessaa saddeet bara darberraa eegalee ijaaramaa akka jiran akeekaniiru.

Dhaabbileen leenjii qonnaan bultootaa fi pirojektoonni jallisii 21 qonna ammayyeessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaran ijaaramaa jiraachuus akeekaniiru.


 

Itti dabaluunis daandii baadiyyaa 9, dhaabbilee fayyaa 16 fi pirojektoonni bishaan dhugaatii 11 akka jiran himaniiru.

Pirojektoonni ijaarsaa 37 guutummaatti xumuramuu isaaniis ibsuun, Pirojektoonni 47 dhibbeentaa 90 irra gahaniiru jedhani.


 

Hojii ijaarsaa hafe yeroo gabaabaa keessatti xumuruun tajaajilaaf galchuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Hojiileen misoomaa waggoota jijjiramaa bu’uuraalee misoomaatiin ummata godinichaa fayyadamoo taasisuuf jalqabame cimee itti fufuusaa himaniiru.

Pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa guutummaan guutuutti yommuu xumuraman namoota kuma 800 ol fayyadamoo taasisuu akka danda’u hubachiisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015