Magaalaa Cirootti daldala seeraan Alaa ittisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Cirootti daldala seeraan Alaa ittisuuf hojjetamaa jira
Ebla 20/2018 (ENA)- Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Cirootti sochii daldala seeraan alaa ittisuuf hojiin to'annoo cimaan qindoominaan gaggeeffamaa jiraachuu waajjirri carraa hojii uummachuu fi daldalaa Magaalichaa beeksise.
Bakka bu’aan itti gaafatamaa waajjirichaa, obbo Aadam Yuusuf ENA’tti akka himanitti, Sirni Daldalaa Magaalaattii si’ataa fi seera qabeessa akka ta’uuf hawaasa waliin qindoomuudhaan akkasumas garee hojii (task force) hundeessuun hojjechaa jira.
Kanaanis, Qaamolee hayyama daldalaa malee hojjetanii fi sababa malee gatii dabaluudhaan hawaasa dararan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ji’oota saglan darban namoota meeshaalee irratti daballii gatii hin malle taasisan, gatii meeshaalee fuulleetti kan hin maxxansinee fi meeshaalee yeroonsaa darbe gurguraa osoo jiranii argaman 141 hidhaa fi maallaqaan adabamuusaanii eeraniiru.
Hojii sirna daldalaa ammayyeessuuf hojjetameen namoonni 748 gara sirna seeraatti akka galan godhamuu hubachiisaniiru.
Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajjira Daldalaa Godina Harargee Lixaa, obbo Jamaal Qaasim gama isaaniitiin, Godinichatti Aanaalee 15 fi Magaaloota shan keessatti gareen hojii (task force )qaamolee adda addaa hirmaachise hundaa’ee, daldala seeraan alaa ittisuuf to’annoon cimaan gaggeeffamaa jira jedhaniiru.
Yaada hawaasarraa walitti qabuudhaan, meeshaalee mootummaan deeggarsa taasisu kanneena akka boba’aa, Sukkaaraa fi Zayitaa irratti daballiin gatii akka hin taasifamneef to’annoon cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.