Manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatameera
Ebla 20/2018(ENA) – Sadarkaa biyyaatti manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamuu ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ibsan.
Ministeerri barnootaa naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa ijaarsisuuf walii galteerra gaheera.
Ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa sagantaa walii galtee kanarratti akka jedhanitti, bara barnootaa 2019 manneen barnootaa idileen duraa aanaalee hunda keessatti waliin gahuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Walii galteen har’a naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliin taasifame ministeerichii fi naannoleen waliin ta’uun maneen barnootaa idileen duraa kuma 1 fi 452 ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi maneen barnootaa kun torbee dhufu akka eegalamuu fi ijaarsisaanii wagga dhifu xumuramee hojii ni eegalu jedhaniiru.
Haala Kanaan aanaan mana barimsaa idileen duraa hin qabne akka hin jirree fi waliin gahiinsa mana barnoootaa idileen duraa guddisuuf qooda olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.