Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota kuma 28 ol gurmaa'aniif carraan hojii uumame - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota kuma 28 ol gurmaa'aniif carraan hojii uumame
Ebla 20/2018 (ENA): Ji’oota sagal darban keessatti dargaggoonni waldaaleen gurmaa’an kuma 28 oliif hojiin uumamuu isaa itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Jimmaa obbo Abdulhamiid Nuraddiin himaniiru.
Itti gaafatamaan kun ENAtti akka himanitti, tajaajila liqaa, leenjii bulchiinsa faayinaansii, akkasumas iddoowwan hojii fi gurgurtaa, dargaggootaaf mijeessuun carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an taasifameera jedhani.
Deeggarsa kana gochuudhaan bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti dargaggoota kuma 28 fi 811’f carraan hojii uumamuu danda’ameera jedhani.
Dargaggoonni damee itti bobba’an irratti bu’a qabeessa akka ta’aniif hordoffiiniifi deeggarsi taasifamaa akka jirus ibsaniiru.
Dargaggoonni waldaadhaan gurmaa’an aadaa qusannaa horachuu fi galii isaanii guddisuun dandeettii ce’umsaa taasisuu uumuuf waliin hojjechuu isaaniis eeraniiru.
Hiriyoota ishee waliin gurmaa’uudhaan afata oomishuuf akka jalqaban kan ibsite shamarree Harmeellaa Simeenee liqii birrii miiliyoona 1.4 fudhatanii hojii eegaluu isaanii ibsiteetti.
Iddoon oomishaa, deeggarsaafi to’annoon bulchiinsi magaalattii kennu hojii isaanii keessatti bu’aa akka argatan kan isaan gargaare ta’uu ibsuun, hojii isaanii bu’a qabeessa taasisuu fi gara invastimantiitti ce’uuf dursanii karoorfachuu isaanii dubbatteetti.
Abrahaam Ballaxaa hiriyyoota isaa waliin gurmaa'anii maashinii buna falfalu oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru.
Maashinoota kana gabaaf dhiyeessuun galii isaanii dabaluu isaanii beeksisaniiru.
Akkasumas industirii jipsii fi faayibaraa keessatti gurmaa’anii milkaa’uudhaan dargaggoota biroof carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru.
Dargaggeessi Buruuk Baqqalaa gama isaatiin hiriyoota isaa waliin hojii jiibsamii fi faayibarii irratti gurmaa’uun fakkeenya ta’uu isaanii himeera.
Bulchiinsi magaalichaa bakka hojii fi liqaa isaaniif waan mijeesseef namoota 12’f carraa hojii uumuu isaanii ibseera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA