Tamsaasa Kallatti:

Cehumsi Industirii Itiyoophiyaa fedhii guddina dinagdee lakkoofsaan ibsamuun olitti utubaa murteessaa birmadummaa biyyaa fulla’insaan ittiin mirkaneessinudha

Cehumsi Industirii Itiyoophiyaa fedhii guddina dinagdee lakkoofsaan ibsamuun olitti utubaa murteessaa birmadummaa biyyaa fulla’insaan ittiin mirkaneessinudha jechuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa ibse.

Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa odeeffannoo baaseen mootummaan dame maanufaakchariingii ‘onnee birmadummaa’ godhee bocuudhaan, fedhiilee keenya kan bu’uraa humna keenyaan guuttachuun birmadummaa dinagdee tarsiimawaa dhiibbaa fi maxxantummaa alaarraa bilisa ta’e ijaaruuf kutannoo olaanaadhaan carraaqaa jira jedheera.

Ergaan tajaajilichaa guutummaansaa akka armaan gadiitti dhihaateera.

Cehumsi Industirii Itiyoophiyaa birmadummaa oomishaarraa gara birmadummaa teeknooloojiitti!

Cehumsi Industirii Itiyoophiyaa fedhii guddina dinagdee lakkoofsaan ibsamuun olitti utubaa murteessaa birmadummaa biyyaa fulla’insaan ittiin mirkaneessinudha

Mootummaan damee Manufaakchariingii 'Onnee Birmadummaa' godhee bocuun, fedhiiwwan bu'uuraa keenya dandeettii ofii keenyaan guutuun dhiibbaa fi hirkattummaa alaa irraa walaba kan ta'e imaammata bilisummaa diinagdee ijaaruuf kutannoo olaanaan carraaqaa jira.

Ce’umsi caaseffamaa kun hudhaalee jiran gara imaammata injifannootti jijiiruun, ol'aantummaa birmadummaa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessaa jira.

Ce’umsa guddaan eegalle kun yeroo ammaa gara boqonnaa abbummaa teeknoolojii ol'aanaatti kan ce'e yoo ta'u, kunis mootummaan damicha gara adeemsa omishaa fooyya'atti guddisuuf ejjennoo cimaa qabu kan agarsiisudha.

Warshaaleen omisha 'Solar Cell' Hawaasaa, Dabra Birhaan fi Finfinneetti hojiitti galan waggaatti sharafa Alaa doolaara biliyoona tokkoo ol galchuun, biyyi keenya omisha meeshaalee bu'uuraa salphaa irraa gara omisha bu'aalee teeknoolojii ol'aanootti ce'uushee qabatamaan mirkaneessaniiru.

Galma kana sadarkaa ol'aanaan milkeessuuf, kallattii Misooma paarkiiwwan industirii keenyaa bu'uurarraa kan jijjiirame yoo ta'u, mootummaan baay'ina irraa gara imaammata haaraa qulqullinatti geessu bocee hojiitti galeera.

Kanaanis xiyyeeffannoon keenya sheedota baay’isuurra kaampaaniwwan bu’aa diinagdee olaanaa qabanii fi ce’umsa teekinooloojii fidan hawwachuurratti kan xiyyeeffatedha.

Kallattiin haaraan kun dargaggoota abbaa teeknoolojii ol'aanaa kan taasisuu fi Itiyoophiyaa hidhata gabaa manifaakchariingii Addunyaa keessatti dorgomtuu fi michuu misoomaa taasisaa jira.

Xiyyeeffannoo teeknoolojii keenya olaanaa cinaatti, sochiin "Itiyoophiyaan Haa omishtuu" meeshaalee galtee ijaaarsaa biyya keessatti bakka buusuun hirkattummaa galtee alaa damee kanaa saffisaan hir'isaa jira.

Qabeenya biyya keessaa akka sibiilaa, maarbilii fi siilikaa galtee kallattii industiriiwwan keenyaa akka ta'an taasisuun, qajeelfama keenya haaraa "Bituu osoo hin taane Omishuu" jedhuun sharafa alaa baraaruun alatti, dandeettii abbootii qabeenyaa biyya keessaa akka gaariitti dagaagsineerra.

Kunis Itiyoophiyaan guddina Magaalotaa fi bu'uuraalee misoomaa ishee qabeenya uumamaa ofii isheetiin ijaaruuf dandeettii amansiisaa akka uumtuu fi damee omishaan of akka dandeessu taasisaa jira.

Walumaagalatti, xiyyeeffannoo addaa mootummaan damee kanaaf kenneen, warshaalee sababa adda addaan cufamanii turan 800 ol gara hojiitti kan deebi'an yoo ta'u, dandeettii omishaa keenya walii galaa gara dhibbeentaa 67tti ol guddisaniiru.

Guddina industirii fooyya’insoota imaammata tarsiimawaa waliin walitti hidhuun bu’uurri badhaadhinaa yeroo dheeraaf keenye hara’a ija godhachuu kan eegale yoo ta’u, bu'uurri cimaan Itiyoophiyaan har'a irra dhaabbatte boqonnaa seenaa ifaa boruun abdii guutuun akka simannu nu taasisa.

Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa RFDI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015