Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa haala guutuu ta’een Hojiirra Olchuun Qabeenya Albuudaa Ardiittii Fayyidaarra oolchamuu qaba

Ebla 19/2018 (ENA): Naannoo Daldala Bilisamaa Ardiilee Afrikaa guutummaatti hojiirra oolchuun, qabeenya albuudaa dilbii ardiittiin qabdu faayidaarra oolchuuf tumsa dandeessisu uumuun akka barbaachisu Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaaleny ibsan.


 

Komishiniin Dinagdee Afrikaa Inistiitiyuutii Hoggansa Misooma fulla’aa Afrikaa - Taanzaaniyaa waliin ta'uun, mata-duree "Albuudota murteessoo Afrikaa Warraaqsa Indastirii Magariisaa fi Misooma fulla’aaf oolchuu" jedhuun fooramii Ardii 12ffaa Naannawaa Misooma fulla’aa Afrikaa irratti yaa’ii duraa gaggeessaniiru.


 

Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaaleny wayitasana akka himanitti, qabeenyi albuudaa dilbiin Afrikaa badhaadhina ardiittii saffisiisuuf dandeettii guddaa qaba jedhani.

Qabeenya Ardittii Meeshaa dheedhii qofaan gara alaatti erguurra , industirii Albuuda sona dabalata (value-added) oomishuu danda'u ijaaruun akka barbaachisu ibsaniiru.

Afrikaan bara warraaqsa Industirii Addunyaa keessatti akka maallaqa daldalaatti kan tajaajilan kanneen akka: Koobaaltii, Liitiyeem, Meetii (Copper), Maangaanizii fi albuudota lafa keessaa gatii jabeeyyiin kan badhaafamte ta’u dubbataniiru.

Albuudonni kunniin daldala Addunyaa keessatti shoora olaanaa kan qabanii fi Oomisha Baatirii, Konkolaattota Elektirikii fi Misooma Anniisaa Haaromfamaniif kan tajaajilan ta’uu kaasaniiru.

Kanaanis ce’umsa magariisaa Afrikaa cimsuunii fi albuudota gatii jabeeyyii omishuun, qabeenya uumamaa dilbii Ardittiin hiyyummaa hanbisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Walitti hidhaminsa Ijaarsa bu’uraalee misoomaa industirii fi investimentii ardittii saffisiisan cimsuun, walitti hidhamiinsa anniisaa fi dandeettii loojistiksii ijaaruun akka danda'amu eeraniiru.

Naannoo Daldala Bilisamaa Ardiilee Afrikaa karaa guutuu ta’een hojiirra oolchuun, sirna tumsa Ardiilee qindaawaa uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Keessattuu, haala albuunni biyya Afrikaa tokko keessatti qotamee, biyya Afrikaa biraa keessatti itti qindaa’uu fi biyya ardittii sadaffaa keessatti ammoo akka oomisha Ardiii ta’ee haala itti ba’u yaaduun akka barbaachisu ibsaniiru.

Tumsi biyyoota Afrikaa dandeettii humna Industirii Addunyaa haala itti ta’an ijaaruun, misooma albuudaa fi dhaabbilee itti gaafatamummaa qaban ijaaruuf akka isaan dandeessisu dubbataniiru.

Yaa’iin Riijinii Misooma fulla’aa Afrikaa kunis jijjiirrama qilleensaa, ce’umsa kaarboonii gad-aanaa fi misooma qabeenya albuudaa ariifachiisuuf tumsa ardichaa cimsuu keessatti faayidaa olaanaa akka qabaatu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015