Ogeessa yeroon wal gite, kan ogummaa fi beekumsaan guutame horachuuf hojiileen bu’a qabeessi eegalaman cimanii itti ni fufu - ENA Afaan Oromoo
Ogeessa yeroon wal gite, kan ogummaa fi beekumsaan guutame horachuuf hojiileen bu’a qabeessi eegalaman cimanii itti ni fufu
Ebla 19/2018 (ENA):- Biiroon Hojii fi ogummaa Finfinnee, ogeessa yeroon wal gite, kan ogummaa fi beekumsaan guutame horachuuf hojiileen bu’a qabeessi eegalaman cimanii akka itti fufan ibse.
Kolleejjiin pooliitekniikii Tafarii mokonnon ayyaana hundeeffama waggaa 100ffaa kan goolabaa mata duree "hambaa baraa baratti dhaloota dhufuuf darbu " jedhuun qophiiwwan gara garaatiin kabaja jira.
Saganticharratti Oomishni Teeknoolojii kolleejjichaan hojjetaman kan itti dhiyaatan agarsiisni, akkasumas hojiiwwan Aartii adda addaa daawwattootaaf dhiyaataniiru.
Itti Aanaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Finfinnee obbo Miidhaksaa Kabbadaa akka ibsanitti, Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon dameewwan leenjii gara garaatiin ogeessota gahumsa qaban horachuudhaan guddinaa fi misooma biyyaatiif kan ijoo ta'ee tajaajilaa jira.
Biyyittiin sadarkaa Teeknoolojii Addunyaan irra gaherra akka geessuuf, kolleejjiin dhaloota dandeettii, beekumsaa fi kalaqa teeknoolojiitiin badhaadhe akka horatu yeroon kan gaafaturra akka jiru ibsaniiru.
Kanarraa ka'uudhaan, kolleejjichi Ayyaana waggaa 100ffaa isaa yeroo kabaju, leenjii yeroon wal-gitu kennuu jalqabe caalmaatti cmsuu akka qabu hojii manaa guddaa kan qabatee ta'uu hubachiisaniiru.
Diiniin Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon obbo Tashoomaa Fayyisaa gama isaaniitiin, waggoota kurnanii asitti "Kolleejjiin Inxooxxoo" jedhamee waamamaa kan ture har'a "Kolleejjii Pooliitekniikii Tafarii Mokonnon" jedhamee ifatti kan moggaafamu waan ta'eef, Ayyaanicha adda akka ta'u godheera jedhaniiru.
Yeroo ammaa kolleejjiin damee teeknikaa fi ogummaan ogeessa gahumsa qaban horachuuf cimsee hojjechaa akka jiru ibsanii, Ayyaana har'aa yeroo kabajnu, yaadannoo darbe kabajuu irraa darbee, dhaloota damee kanaan ijaarame horachuuf hojii eegale cimsuudhaan ta’uu dubbataniiru.