Imalli Itiyoophiyaan miseensa daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu gara boqonnaa qabatamaatti ceheera - ENA Afaan Oromoo
Imalli Itiyoophiyaan miseensa daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu gara boqonnaa qabatamaatti ceheera
Ebla 19/2018(ENA)- Imalli Itiyoophiyaan miseensa daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu gara boqonnaa qabatamaatti cehuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan.
Walgahiin garee hojii Itiyoophiyaa toorbaffaan dhaabbata daldala addunyaa injifannoon kan itti galmaa’e ta’uu ministirichi eeraniiru.
Ministirri doktar Kaasahuun Goofee adeemsa marii miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf taasifamuu fi hojii hojjetaman ilaalchisuun akkasumas walgahii garee hojii Itiyoophiyaa toorbaffaa dhaabbata daldala addunyaa Jenevaatti gaggeeffame ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin, Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa addunyaa ta’uuf hojii guddaa hojjechuushee ibsanii, hojiileen kunneen beekumsaan akkasumas karaa faayidaa biyyaalessaa kabajeen hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Jijjiiramaan asitti Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa akka taatuu fi mariachi yeroo gabaabaatti akka xumuramu mariiwwan bu’a qabeessi raawwatamuusaanii eeraniiru.
Fooeessi dinagdee gooroo Itiyoohiyaan gaggeessite miseensa dhaabbata daldala addunyaa akka taatu gumaacha olaanaa gochuusaa eeranii, gaaffilee biyyoota miseensarraa dhihaatu faayidaa biyyaa karaa eegsiseen deebiin kennamuu dubbataniiru.
Walgahiin garee hojii Itiyoophiyaa toorbaffaan dhaabbata daldala addunyaa Jenevaatti gaggeeffame injifannoon dippilomaasii olaanaan kan irraa argame ta’uu akkasumas waliigalteerra kan gahamee fi gaaffileen dhihaatanis hir’achaa dhufuusaanii ibsaniiru.
Imalli Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu gara boqonnaa ifaatti cehuusaa eeranii, hojiileen Itiyoophiyaan adeemsa marii Kanaan hojjette miseensotaan beekamtiin akka kennameef kaasaniiru.
Walgahiin garee hojii Itiyoophiyaa saddettaffaan Fulbaana dhufu akka gaggeeffamu dubbataniiru.