Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani - ENA Afaan Oromoo
Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani
Ebla 19/2018 (ENA): Pirezdaanti Taayyee Asqasillaaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaabaa bara hojii isaanii xumuran Siim Toongi Gook gaggeessani.
Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen turtii Itiyoophiyaa keessa turanitti hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha taasisaniif Ambaasaaddar Siim Toongi Gook galateeffataniiru.
Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii keessatti michummaan seena qabeessi akka jirus ibsaniiru.
Michummaa seenaa biyyoota damee daldalaa fi invastimantii cimsuun fayyadamummaa waliinii galmaan gahuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Itti dabaluunis Itiyoophiyaan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoodhaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Pireezidaanti Taayyeen ergaa isaanii keessatti ambaasaaddarichi turtii Itiyoophiyaa keessa turan keessatti gumaacha taasisan hundaaf galata qaban ibsuun, gara fuula duraatti hawwii gaarii qaban dabarsaniiru.