Itiyoophiyaan hojii jijjiirama qilleensaa hir’isuu giddu galeessa godhate misooma bu’a qabeessa ta’e irra jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan hojii jijjiirama qilleensaa hir’isuu giddu galeessa godhate misooma bu’a qabeessa ta’e irra jirti
Ebla 19/2018 (ENA): Itiyoophiyaan hojii jijjiirama qilleensaa hir’isuu giddu galeessa kan godhate misooma bu’a qabeessa ta’e irra jirti jedhan Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee.
Fandii Invastimantii Haala Qilleensaa (CIf) mootummaa Itiyoophiyaa fi Baankii Misooma Afrikaa waliin ta’uun konfiraansii muuxannoo waljijjiirraa idil-addunyaa Finfinneetti gaggeessaa jira.
Konfiraansii kana irratti ambaasaaddaroonnii fi bakka bu’oonni biyyootaa, hayyoonni, michoota misoomaa fi dhaabbileen hawaasa siivikii dabalatee hirmaataniiru.
Konfiraansii guyyoota sadiif turu kanarratti biyyoonni adda addaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf muuxannoo qaban ni qooddatu jedhamee eegama.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidees wayita sana akka himanitti, Mul’annii fi kallattiin misoomaa Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuu giddu galeessa godhateera jedhani.
Humna haaromfamuu danda’u babal’isuun, dhiyeessii bishaanii fooyyessuudhaan, lafa manca’e deebisuun dandandamannaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu ibsaniiru.
Pirojektoonni misooma koridaraa Finfinneefi misooma qarqara lageenii magaalattii ammayyeessuu qofa osoo hin taane, misoomni haala eegumsa naannoo waliin walsimuun gaggeeffamuu danda’u agarsiisaniiru jedhani.
Mootummaan Fandii Invastimantii Jijjiirama Qilleensaa waliin ta’uun Itiyoophiyaa keessatti dhiyeessii filannoo anniisaafi furmaata uumama irratti hundaa’e irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an raawwatamuu isaas hubachiisaniiru.
Muuxannoo waljijjiiruun har’aa kun Itiyoophiyaan ittisa jijjiirama qilleensaa irratti muuxannoo qabdu akka qooddattuuf carraa ta’uu ibsuun, akkasumas hirmaattota biroo irraa muuxannoo qooddachuuf akka ta’e himaniiru.
Hojii gaggeessaan Fandii Invastimantii Haala Qilleensaa (CIF) Taariyyee Badigesiin gama isaaniitiin Itiyoophiyaan biqiltuu biliyoonaan lakkaa’amu dhaabuun lafa magariisaa irratti fakkeenya ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan yeroo darbe Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa keessummeessuun ishee muuxannoo gaarii damee kanarratti qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Fandiin Jijjiirama Qilleensaa hojii waloo mootummaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.