Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo simatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo simatan
Ebla 19/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chappoo buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti kabajaan simataniiru.
Daawwannaan pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lamaanii fi walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii karaa hiika qabuun jijjiiruu kan danda’an hojiilee qabatamaaf dursa kan kenne ta’uusaa waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Dabalataanis daawwannaan kun Itiyoophiyaan tumsa Afriikaaf kutannoo hin jijjiiramne kan mirkaneessu ta’uun himameera.