Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti lafa hektaara kuma tokkoo ol irratti misoomni shayii jalqabame

Ebla 19/2018 (ENA)- Godina Jimmaattilafa hektaara kuma tokkoo ol irratti misoomni shayii jalqabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Hogganaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Tijaanii Tamaam akka jedhanitti, misoomni shayiin godinichatti akka inishetiiviitti hojiirra ooluunsaa, fayyadummaa dinagdee qonnaan bulaa guddisuun alatti, namoota hedduuf carraa hojii uumaa jira.


 

Hojicha itti fufsiisuuf ganna bara kanaa Aanaalee filataman ja'a keessatti kan dhaabamu, biqiltuu shayiin miiliyoona 50 qophaa'aa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbii biqiltuu kana hirmaannaa ummataan geggeessuun, lafa hektaara kuma tokkoo fi 725 dhaabuuf amma gara hojiitti galameera jechuun ibsaniiru.

Misoomicha babal'isuun alatti, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu fi omisha qulqullina isaa eeggate warshaaf dhiyeessuuf hubannoon qonnaan bulaaf kennameera jechuun ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni godinichatti misooma shayiin irratti hirmaachaa jiran deeggarsa ogeeyyii waajjira Qonnaa Godinichaa fi gosa biqiltuu fooyya'aa argataniin fayyadamumaan isaanii guddachuu himaniiru.


 

Godinichatti bara kana dabalatee waggoota lamaan darban keessa lafa hektaara kuma 2 fi 825 irratti misooma gaggeessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuun ibsaniiru.

Qonnaan bultoota misooma shayiin keessatti hirmaatan keessaa, jiraataan Aanaa Saqqaa Coqorsaa, Obbo Siraaj Sheek Kadir, misooma shayii irratti hirmaachuu erga jalqabanii waggoota lama keessatti galiinsaanii dabaluu himaniiru.

Gosa shayiin omishtummaansaa fooyya’aa omishuunii fi deeggarsa ogeeyyii waan argataniif fayyadamummaan isaanii dabaluu ibsaniiru.


 

Qotee bulaan aanichaa biroon, Obbo Sulxaan Abbaamoggaa, kanaan dura oomishaalee garaagaraa oomishuun fayyadummaan isaanii xiqqaa akka ture yaadachiisaniiru.

Amma misooma shayii misoomsuun fayyadummaa dinagdee isaanii guddisuu danda'uu isaanii ibsanii, milkaa'ina hojii isaaniif ogeeyyiin waajjira qonnaa deeggarsa ogummaa fi hordoffii taasisafii jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015