Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Boba'aa Dabalatee Daldala Seeraan Alaa Ittisuu fi To'achuuf Tattaaffiin Taasifamu cimsee itti fufeera.

Ebla 19/2018 (ENA): Dhiyeessii fi raabsa boba’aa dabalatee hojiin daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa ture naannoo Hararitti cimee itti fufuu Biiroon misooma interpiraayzootaai fi Industirii naannichaa beeksise.

Waraana Baha Giddu Galeessaa hordofuun daldalli boba’aa idil-addunyaa gufachuun diinagdee biyyattii irratti ba’aa guddaa akka hin uumneef mootummaan qajeelfamaa fi hojmaata baasee jira.

Hogganaan Biiroo Misooma interpiraazootaa fi Industirii Naannoo Hararii obbo Usmaa'il Yuusuf akka himanitti, Hojiin dhiyeessii fi raabsa boba’aa dabalatee daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiru haala qindoomina qabuun hojjetamaa jira jedhani.

Daldaltoota hayyama daldalaa malee daldalan, oomisha dhoksan, meeshaalee irratti gatii hin malle dabaluu ittisuu fi to’achuuf aanaalee tokkoon tokkoon keessatti gareen taaksifoorsii hundaa’ee hojii eegaluu himani.

Daldaltoota naannichatti daldala seeraan alaa irratti bobba’anii turan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa kan fudhatame ta’uu himaniiru.

Dhiyeessii fi raabsa boba’aa waliin walqabatees boba’aan naannichatti dhihaatu karaa baasii xiqqaa fi xiyyeeffannoo qabuun karaa dhaabbilee tajaajila kennan raabsamaa akka jirus hubachiisaniiru.

Keessattuu naannichatti daldala boba’aa seeraan alaa ittisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa akka ture hubachiisaniiru.

Buufata boba’aa afurii fi namoota dhuunfaa daldala boba’aa seeraan alaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu isaas ibsuun, buufataaleen boba'aa kanneen keessaa lama ji'a jahaaf jalaajila akka hin laanne taasifameera jedhani.

Akkasumas namoonni dhuunfaa daldala boba’aa seeraan alaa keessatti hirmaatan ta’uun isaanii argame to’annoo jala ooluu fi bu’uura seeraatiin himatamuu isaanii hubachiisaniiru.

Hojiin hordoffii, to'annoo fi itti gaafatamummaa yeroo ammaa haala qindoomina qabuun hojjetamaa jira jedhaniiru obboUsmaa'il.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015