Filattoonni filannoo waliigalaa 7ffaaf haala addaan galmeeffaman: - ENA Afaan Oromoo
Filattoonni filannoo waliigalaa 7ffaaf haala addaan galmeeffaman:
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Galmeen filattoota filanno Waligalaa 7ffaaf haala addaangalmeen filattootaa galmeeffamanii eegaleera jedhe.
Qaamoleen galmeen filattootaa hanga Ebla 24, 2018tti turu kun ilaallatu:
1. Buqqaatota biyya keessaa
2. Barattoota Yuunivarsiiti keessatti argaman
3. Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaampii keessatti argaman
Buqqaatoti biyya keessaa fi miseensonni Raayyaa Ittisaa kaampii keessatti argaman buufataalee filannoo addaa boordichi hundeesse keessatti ni galmaa'u.
Filannoo kana raawwachuuf፡-
Buufataalee filannoo addaa boordichi hundeessetti qaamaan dhiyaachuu
Sanada eenyummeessaa dhiyeessuu
Barattoonni Yuunivarsiitii ammoo fuula marsariitii addaa boordichi barattootaaf gopheesseen galmaa'uu danda'u.
Galmaa'uuf neetiwoorkii Yuunivarsiitichaa keessa ta'uu
Bilbila ykn Laaptooppii ykn deeskitooppii
Eenyummeessaa Dijiitaalaa
Eenyummeessaa Biyyaalessaa yoo baafatan lakkoofsi bilbilaa ittiin ba'e akka barbaachisu boordichi beeksiseera.