Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu hambaa keenya madda biyya boonsu taasisuuf hojii eegale cimsee itti fufa- Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Ebla 18/2018 (ENA): Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa giddu-gala Kuusaa fi Daawwachiisa Haambaalee Abdii Nagaash(Abdii Antiikin) daawwataniiru.

Dawannaa isaanii kana irrattis ergaa dabarsaniin, Mootummaan Ida’amuu iddoowwan seena qabeessa irra deebiin misoomsuun hambaalee keenya madda biyyaalessa boonsu taasisuuf hojii eegale itti fufa jedhan itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin akka himanitti, Itiyoophiyaan abbaa qaroomina bara dheeraa fi hambaa durii ta’uu ishee eegdota hambaa abbootii akka Abdii yeroo arginu ragaa bahuu dandeenya jedhani.

Akkasumas walitti qabama hambaalee mana kuusaa fi daawwannaa hambaalee Abdii Nagaash keessatti daawwanne, hojii ajaa'ibaa seenaa fi aadaa biyya keenyaaf kabaja guddaa kennudha jedhani.


 

Itti dabaluunis qabeenyi kunneen amma gurmaa’anii bakka seenaa isaaniif mijatutti agarsiifamuun isaanii damichaaf bu’aa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Gorsaan dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Daaqon Daani'eel Kibirat fi hoggantoonni olaanoon mootummaa kanneen biroos daawwannicha irratti argamaniiru.

Giddugalichi qabeenya aadaa fi seenaa Itiyoophiyaa kaleessaa mul'isan kan of keessatti qabate ta'uun kan ibsame yoo ta'u, hambaalee seenaa Itiyoophiyaa mul'isan walitti qabuu fi daawwachiisuun beekama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015