Mil'annaawwan Dilbataa - ENA Afaan Oromoo
Mil'annaawwan Dilbataa
Milkaa'inni olaanaan uumama of-mul'suu qaba.
Hoggansa Ministira Muumme Doktar Abiyyi Ahimadiin bu'aan Itiyoophiyaan galmassiste xiyyeeffannaa addunyaa hawwateera.
Gamtaan Afrikaa dhiyeenya kana Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin Shaampiyoonaa Hubannoo Namtolchee fi fayyaa dijitaalawaa gochuun muuduun , badhaasni dhaabbata Nyaataafi Qonnaa dursanii fudhatan, meedaaliyaan Agrii-kollaa, badhaasni hoggansa olaanaa Afrikaa fi beekamtiin Shaampiyoonummaa Tuurizimii ‘IGAD’ kanaaf mirkaneessituuwwanidha.
Beekamtiiwwan kabajaa fi raawwiiwwan kunniin milkaa'ina dhuunfaa qofa osoo hin taane, ga'eee oggansaa dameewwan murteessoon Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu kan mirkaneessaniidha.
Muudamni Gamtaa Afirikaa tiraansifoormeeshinii biyyaalessaa bal'aa kalaqa dijiitaalaan deggerame kan mul'isu dha.
Bu'uura mul'ata Itiyoophiyaa, ''Idaa barfatanii ga'uurraa gara eebba dursanii ga'uutti'' ceesisuuf kaa'ameen, Afrikaatti kan jalqabaa, akka addunyaatti immoo lammaffaa kan ta'e Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee ijaaraa jirti.
Haaluma walfakkaatuun invastimantiiwwan bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, mootummaa elektirooniksii fi sirna ikoo kalaqaa irratti taasifamu bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.
Yeroo ammaa kana dhaabbileen 132 ol Sirna Eenyummaa Biyyaalessaa Faayidaa waliin walitti hidhamaniiru.
Dhaabbilee 476 irraa tajaajilli kuma 2 fi 396 karaa wiirtuuwwan tajaajila iddoo tokkoo 31 ummataaf dhaqqabamaa ta’uu ibsameera. Kunis danqaawwan birokraasii haalaan hir’isee jira. Fayyadamtoonni waraqaa eenyummaa faayidaa miiliyoona 41 ol fi maamiltoonni maallaqa moobaayilaa miiliyoona 58 jiraachuun isaanii rakkoo maallaqaa fi daldala qaamaan raawwatamu dhabamsiisaa jira.
Itiyoophiyaan of jijjiiruu qofa osoo hin taane, galmoota dijitaalaa bara 2030 galmaan ga’uuf invastimantii hawwachuun egeree damee dijitaalaa Afrikaa bocaa jirti.
Hoggansi kun dhugaadhaan argamuuf kutannoon isaa teeknooloojii bira darbee, gama eegumsa naannootiin bu’aa ifa ta’e agarsiiseera.
Erga bara 2011 duulli ashaaraa magariisaa eegalamee as Itiyoophiyaan lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman sochoosuun bosona ciruu fi manca’iinsa biyyee dhaabsitee jirti. Waggoota jaha keessatti uwwisa bosona ishee gara %23tti guddiseera.
Sochiin imaammataan deeggaramu kun aadaa biyyaalessaa ta’ee dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, sirna ikoo naannoo deebisuun, eegumsa naannoo misooma biyyaalessaa wajjin walqabsiisee jira. Kanaaf beekamtii kennuudhaan Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa ga’umsa bosona itti fufiinsa qabuu bara 2025 badhaaseera.
Bara 2011 irraa eegalee biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuun Itiyoophiyaan amma hojii naannoo bal’aa ardii kanaatiif fakkeenya taatee jirti.
Milkaa’inni kun ga’ee Itiyoophiyaan leelliftuu haala qilleensaa addunyaa ta’uun qabdu hirmaattummaa irraa gara abbummaatti jijjiireera. Biyyi keenya amma marii naannoo idil-addunyaa keessummeessuu fi hoogganaa kan jirtu yoo ta’u, kunuunsi qabeenya uumamaa humna dinagdee, wabii nyaataa fi tokkummaa biyyaa wajjin akkamitti akka walsimsiisu agarsiisaa jirti.
Gama faayidaa lammiitiin, fakkeenyonni hedduun akkamitti gama bishaan kuufamaa deebisanii dhaabuu, tasgabbii sirna nyaataa fi babal’ina hojii magariisaatiin faayidaa qabatamaa argamsiisuu itti fufaniiru.
Jijjiiramni Itiyoophiyaa turizimii fi haaromsa magaalotaas ni dabalata.
Bara 2017 Shaampiyoonaa Tuurizimii IGAD ta’uun kan muudaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddina turizimii uumamaan bu’uura godhate, miidhagina magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa saffisiisaniiru. Turizimiin motora guddinaa fi walitti hidhamiinsa naannoo ta’ee carraa hojii uumuu, magaalota haaromsuu, Itiyoophiyaa fi Gaanfa Afrikaa bakka turistii addunyaa taasiseera.
Bu’aawwan damee qonnaatiin argamees gahee olaanaa taphateera.
Bara 2016 Minitirri Muummee damee qonnaa jijjiiruu isaaniif Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa kabaja olaanaa kan ta’e Meedaaliyaa ‘Agricola’ argataniiru.
Sagantaa wabii nyaataa mirkaneessuun lafti qonnaa babal’atee, oomishni qamadii waggaa bara 2010 kuntaala miliyoona 27 ture bara 2017tti kuntaala miliyoona 280tti ol guddateera.Jijjiiramni kun shara galii alaa hir’isuu qofa osoo hin taane galii qonnaan bultootaa dabaluudhaan Itiyoophiyaan qamadiidhaan akka of dandeessu taasiseera.
Beekkamtiin kunniin bu’a qabeessummaa haaromsa dinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaa kan mirkaneessan yoo ta’u, biyyattiin jijjiirama qonnaa ardiilee fi wabii nyaataaf fakkeenya ta’a.
Kalaqa dijitaalaa, eegumsa naannoo, turizimii fi qonnaa keessatti dhugaan ifa ta’e mul’ateera; mul’anni raawwii cimaan deeggaramee jira. Hoggansi Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kan agarsiisu hawwiin guddaan gochaan yeroo walitti makamu beekamtii fi badhaasni akka hordofudha. Beekkamtiin mataan isaa galma osoo hin taane, jijjiirama dhugaa fi safaramuu danda’u galmaan ga’eef ragaadha.
Bu’aawwan kun badhaasa caalaa, bu’uura waaraa saba tokko ol kaasuun kallattii egeree guddina biyya tokkoo bocuudha!