Tamsaasa Kallatti:

Dandeettiin dhiyeessii humna ibsaa Itiyoophiyaa, walitti hidhamiinsa naannaawaa cimsuun guddina dinagdee tumsa irratti hundaa’e saffisiisaa jira – Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Ebla 18/2018 (ENA):Dandeettiin dhiyeessii humna elektiriikaa Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuun guddina dinagdee tumsa irratti hundaa’e saffisiisaa jira jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar. Habtaamuu Ittafaa.

Missiraachoon laga Abbayyaa irratti gaggeeffame boqonnaa haaraa banee, yaada dogoggoraa seenessa abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa cabseera jedhani.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita eebba anniisaa Humna Qilleensaa Asallaa eebbisan ibsanitti, Riifoormiin Damee Annisaa Jijjiirama Biyyaalessaa ce’umsa anniisaa Itiyoophiyaa gara marsaa haaraatti ceesiseera jedhani.

Jijjiirama kanaan dura dandeettiin dhiyeessii humna elektiriikaa Itiyoophiyaa meeggaa waattii 4,000 ture, amma hojiirra oolmaa piroojektoota gurguddoon gara meeggaa waattii kuma 10tti guddachuu beeksisaniiru.

Riifoormiin bu’a qabeessa damee anniisaa irratti gaggeeffamaa jiru dandeettii dhiyeessii fi raabsa humnaa biyyaalessaa guddisuun hawaasa madda dhiyeessii humnaa sadarkaa tokkoffaa fi filannoo irraa fayyadamoo taasisuudha.

Dameen anniisaa Itiyoophiyaas ollaa isheef humna ibsaa kennuu dinagdee waloon fayyadamuu dha jedhani.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinar Habtaamuu Ittafaa ENAtti akka himanitti, Bu’aan gama riifoormii damee anniisaa Itiyoophiyaan aragme ijaarsa dandeettii dhiyeessii humnaa guddisaa jira jedhani.

Fakkeenyaaf, Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa adeemsa ijaarsa walxaxaa jala ture, dandeettii dhiyeessii humna ibsaa Itiyoophiyaa dachaa ol akka dabalu ibsaniiru.

Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun isaa ce’umsa anniisaa Itiyoophiyaa saffisiisuun hambaa guddina diinagdee biyyoota ollaaf bu’uura uumuudha jedhan.

Filannoon anniisaa Itiyoophiyaan ollaa isheef gatii gadi aanaadhaan dhiheessitu biyyoota naannichaa waliin tumsaan guddachuuf kutannoo qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan badhaadhina waloo saffisiisuuf fedhii cimaa qabdi kan jedhan ministirri kun, haa ta’u malee shirri diinota seenaa qabeenya uumamaa qabdutti akka hin fayyadamne taasisuu eerani.

Qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa sirnaan misoomsuun birmadummaa diinagdee hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015