Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera - ENA Afaan Oromoo
Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa bara baajataa ji'oota sagal eegalameera
Ebla 18/2018 (ENA): Madaalliin raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa ji'oota sagal bara baajataa 2018 eegaluu kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee beeksisan.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee; Hojii bara baajataa kanaaf karoorfanne keessaa dhibbeentaa 96 xumuruu dandeenyeerra jedhani.
Waltajjiin madaallii har’a eegale guyyoota lamaaf kan turu ta’uus akeekaniiru.
Waltajjicharrattis, Hojiilee bara baajataa kana keessatti hojiirra oolchuuf karoorfannee fi dhimmoota ji’oota hafan keessatti xiyyeeffannaan itti dhiyeenyaan ni hordofna jedhaniiru.
Haaluma kanaan, Madaalliin kun dhimmoota hin xumuramne bulchiinsa gaarii keessatti adda baafaman xumuruu, rakkoolee qaala’insa jireenyaa hammeessan hir’isuun qaala’iinsa jireenyaa ittisuu; gabaatasgabbeessuu, hojii bu’a qabeessa ta’e ji’oota hafan keessatti tajaajila mootummaa dijiitaalaa bakka tokkotti jalqabne kenniinsa tajaajilaatiin xumuruu irratti kan xiyyeeffatu ta’a jedhaniiru.
Tajaajila hafe dijiitaala gochuun tajaajila mootummaa bakka tokkotti dijiitaalaa keessa galchuun, pirojektoota bara kana xumuramuu qaban saffisaa fi gahumsaan xumuruun wiirtuu madaallii raawwii hojii keenyaa ta’a jedhaniiru.
Waggoota shanan darban keessatti raawwiin karoora keenyaa dhibbeentaa 90 ol dabalee bara 2018tti dhibbeentaa 96 akka ga’e, muuxannoo raawwii guddachaa jiru kanas madaaluun itti fufna jedhaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaa haala haqa qabeessa, bilisaa, amanamaa fi walaba ta’een akka gaggeeffamuuf haala mijataa uumuuf hoggantoonni keenya hundi itti gaafatamummaa guddaa akka ba’ataniif kallattii madaallii kaa’annee jirra jedhan.
Ji’oota hafan keessatti cimina jiru eeguu, qaawwa jiru guutuu, raawwii fooyya’aa galmeessisuun xiyyeeffannoo madaallii keenyaa ta’a jedhaniiru.