Maraatoonii Landan irratti atileetotni Itiyoophiyaa ni eegamu - ENA Afaan Oromoo
Maraatoonii Landan irratti atileetotni Itiyoophiyaa ni eegamu
Ebla 18/2018 (ENA): Maraatooniin Landan 46ffaan har’a ni gaggeeffama.
Atileetonni Itiyoophiyaa koorrniyaa lamaaniinuu injifannoodhaaf atileetota addunyaa ciccimoo ta’an waliin wal dorgomu.
Maraatoonii Landan bara darbee kan injifatte Tagisti Asaffaa dorgommii dubartootaa kana ni injifatti jedhamee eegama.
Atileet Tagisti Maraatoonii Landan bara 2025 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 50’n dubartoota qofaa(women – only) riikardii addunyaa cabsite.
Atileetiin kun dorgommii kanaaf qophii barbaachisu kan taasifte ta’uu eeruun, riikardii mataa ishee cabsuuf akka fiigdu dubbatteetti.
Tagist kabaja ishee eegsisuuf cimtee dorgomti.
Atileetonni Keeniyaa Helen Obirii fi Joyisiliin Jepikoskey dorgommii kana irratti ni eegamu.
Dorgommii Maaraatoonii Landan irratti ni hirmaatu jedhamee eegamaa kan ture lammii Nezerlaand Siifan Hasanii fi lammii Keeniyaa Peres Jepchirchir sababa miidhaan irra gaheen hin hirmaatani.
Dubartoota Itiyoophiyaa dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa Balamlay Shumat, Magartuu Alamuu fi Daggituu Azmaraaw kanneen eeramanidha.
Atileetii dhiirotaan atileet Taammiraat Tolaa yeroo jalqabaaf dorgommii kana irratti ni dorgoma.
Atileet Taammiraat dorgommii Olompikii 33ffaa Paarisitti gaggeeffameen dorgommii maaraatooniin meedaaliyaa warqee injifateera.
Sa'aatii maaraatoonii saffisaan addunyaa irratti sadarkaa 9ffaa kan qabu Deresaa Galataa tam dorgommii kanarrattis ni hirmaata jedhamee eegama.
Yoomiif Qajeelchaa fi Haagos Gabrahiwot atileetota dorgommii kana irratti hirmaatan keessaa tokkodha.
Atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Sawee, bara darbe Maraatoonii Landan injifate, atileetota Itiyoophiyaaf dorgomaa cimaa ta'a jedhamee eegama.
Lammiileen Yugaandaa Joshuwa Cheptegay fi Jakob Kiplimo dorgomtoota biroo eegamanidha.
Maraatooniin Landan kan maaraatoonii gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta’u, bara kana hirmaattonni kuma 59 ol ni hirmaachisa jedhamee eegama.
Atileetonni koorniyaa lamaaniinuu yoo injifatan badhaasa maallaqaa doolaara kuma 55 ni argatu.
Kana malees atileetonni dhiirotaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 2, dubartootaaf sa'aatii 2 daqiiqaa 15 gadi xumuran bonasii doolaara kuma 150 ni argatu.
Walumaagalatti doolaara miiliyoona 1.2 ol atileetota kanaaf ni kennama.
Maraatoonii Landan bara 1981 kan eegale fiigicha Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin sadarkaa pilaatiinimii argate yoo ta'u, dorgommii daandii irratti addunyaa irratti isa guddaa taasiseera.