Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi ajandaa marii biyyoolessaa walitti qabuu xumuramee, yaa’ii muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jira

Ebla 17/2018 (ENA)- Adeemsi ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuun xumuramee, marii biyyaalessaa muummee gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ibsan.

Itiyoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf garaagarummaa yaada ture mariin furuu fi dhaloota injifannoo yaadaatti amanu uumuuf, Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa boqonnaa haaraa eegaleera.

Komishinichi Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalota lamaanitti qaamolee hawaasaa hirmaachisuun hojii ajandaa walitti qabuu kan raawwate yoo ta'u, bakka buutota marii biyyaalessaa guddichaaf hirmaatan adda baasuus milkaa'inaan xumureera.

Adeemsi hirmaattota adda baasuu fi Ajandaa walitti qabuu, Aanaarraa kaasee hanga Naannolee fi giddugaleessaatti iftoominan kan gaggeeffame yoo ta'u, kunis komishinichi gara boqonnaa marii biyyoolessaa guddichaatti ce'uuf bu'uura cimaa kaa'eera.

Hojiileen komishinichi hanga ammaatti raawwate, Itiyoophiyaanonni dhimmoota keessoosaaniirratti bilisummaadhaan mari'atanii nageenyaa fi walii galtee biyyaalessaa waaraa uumuuf carraa seenaa qabeessa uumeera.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaaleessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Araayaa ENA’f akka ibsanitti; mariin biyyaalessaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimaaf bu'uura kan kaa'uudha.

Marichi lammiileen dhimmoota ijoo biyyaalessaarratti walii galtee irra ga'uun, dameewwan Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee keessatti misoomaa fi guddina waaraa galmeessisuuf carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru.

Garaagarummaa yaadaa karaa nagaa fi qaroomeen mariidhaan furuun murteessaa ta'uu eeruun, lammiileen carraa marii biyyoolessaan uumame fayyadamuun nageenyaa fi misooma biyya isaaniitiif gahee ijaarsa qaban akka bahatan dhaamaniiru.

Itiyoophiyaanonni adeemsa marii keessatti rakkoolee naannoo isaanii fi biyyattiitti jiran adda baasuun komishinichaaf dhiyyeessuu isaanii yaadachiisaniiru.

Torban dhufan keessa gorsitoota filataman 170 ta'aniif leenjiin kan kennamu ta'uu ibsaniiru.

Lammiilee marii biyyaalessaa kanarratti hirmaatan hunda kan hirmaachisuu ta’uusaa ibsuun, yaa’ii guddaa gaggeessuuf qophiin dhumaa taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Komishiniin Marii Biyyooleessaa Itiyoophiyaa labsii lakkoofsa 1265/2014 erga hundaa'ee kaasee, dhimmoota bu'uuraa irratti walii galtee biyyaalessaa uumuu irratti hojiiwwan hedduu raawwachaa turuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015