Lammiilee Ispoortiin dagaaganii fi Dorgomaa ta'an Horachuuf , hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuu cimee itti fufeera - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Lammiilee Ispoortiin dagaaganii fi Dorgomaa ta'an Horachuuf , hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuu cimee itti fufeera - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Ebla 17/2018 (ENA)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka ibsanitti, hojiin iddoowwan shaakala ispoortii babal'isuun dandeettii ispoortii, fayyaa fi dorgommii ijoollee fi dargaggootaa mirkaneessan cimsuun itti fufuusaa ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee, Gidduugala Barnootaa fi Leenjii Ispoortii, Ras Haayiluu, sadarkaa dorgommii Idil-Addunyaa gaggeessuu danda'uun haaromsamee fi bu'uuraaleen misoomaa barbaachisoo ta'an guutamanii har'a irra deebi'ee tajaajila kennuu eegaluu isaa ibsaniiru.
Gidduugalichi kanaan dura eebbifamee tajaajila kennaa kan ture ta'us, rakkoo teeknikaa mudateen tajaajilli isaa yeroo muraasaaf dhaabbatee akka ture yaadachiisaniiru.
Ta'us, rakkoon kun akka furamuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennamee hojjetamuun, fi galteewwan dabalataa Sadarkaa Idil-Addunyaa eeggatanii guutamuun tajaajilaaf qophii ta'uu eeraniiru.
Gidduugalli ammayyaa kun, bakka daakaa bishaanii (swimming pools) sadarkaa Olompikiin eeggatanii, Jiminaaziyemii, kubbaa kachoo (basketball), kubbaa harka (handball), fi kanneen biroo of keessatti qabatee akka ammayyaa’ee ibsaniiru.
Dabalatas, Gidduugala Miidiyaa, dirree Teenesii fi Kubbaa Miilaa, kaafeteeriyaa, suuqota akkasumas iddoo dhaabbii konkolaataa fi bakka bashannanaa kan hammate ta'uu ibsaniiru.
Ijaarsi kun dhaloota qaamaanis ta'e sammuudhaan gabbate ijaaruuf galma qabame keessaa tokko ta'uu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, Magaalaatti iddoowwan shaakala ispoortii akkanaa babal'isuun, ijoollee fi dargaggoonni leenjii akka argataniif hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Gidduu galichi har'arraa eegalee dorgommii Idil-Addunyaaf, shaakalaa fi leenjiif banaa ta'uu ibsanii; ummanni gidduugalichatti akka fayyadamu, akkasumas akka eeguu fi kunuunsu hubachiisaniiru.