Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Lixaatti Qonnaan Bultoonni misooma Appiliirratti bobba’an bu’aa qabeessa ta’aa jiru

Ebla 17/2018 (ENA):-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti  Qonnaan  bultoonni  Misooma Appiliirratti bobba’an oomishicha gabaaf dhiheessuudhaan galii argataniin fayyadamaa ta'uusaanii ibsan.

Waajjirri Qonnaa godinichaa gama isaatiin, misooma muduraaf xiyyeeffannoo addaa kennamuun bu'aan argamuu isaa beeksiseera.

Kanaan dura godinichatti misoomni  muduraa kan  hin baratamne  ta’us, waggoota muraasa daraban keessa carraaqqii qindaa’aa  taasifameen  qonnaan  bulaan omisha midhaanii cinaatti, Misooma  muduraatti bobba’uun  galiisaanii  guddifachaa jiru.

Qonnaan bultoonni Aanaa Jibaatii fi Midaaqanyii, Ogeeyyiin Qonnaarraa deeggarsa ogummaa fi biqiltuu argatanitti fayyadamuun hojii keessa galanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Aanaa Jibaatii, Obbo Haayiluu Itichaa Misooma appiliirratti hirmaachuudhaan  oomishasaa  gabaaf dhiheessuudhaan  galii fooyya'aa argachaa jira jedhaniiru.

 Misooma kana dursanii waan jalqabaniif, muuxannoo Omisha Appilii Qonnaan bultoota naannichaaf qoodaa akka jiranis dubbataniiru.

Qonnaan bulaan biroon, Obbo Darajjee Abiishee, hubannoo fi hordoffii ogeeyyotaan kennamuufitti fayyadamuun Biqiltuu Appilii kunuunsuudhaan fayyadamaa ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru.

Galii dabalataa misooma appiliirraa argataniin ijoollee isaanii haala gaariin barsiisaa akka jiran ibsaniiru.


 

Waajjira Qonnaa Godinichaatti Ogeessi Misooma Kuduraa fi Muduraa, Obbo Mangaduu Gurmuu akka ibsanitti, ammaan tana godinichatti Aanaalee akka Jibaatii, Midaaqanyii, Ilfataa, Amboo fi Walmaraa Aanaalee appiliin bal'inaan itti oomishamuudha; Aanaalee biroottis akka haala qilleensa isaaniitti misooma kana babal'isuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa Godinichatti lafa hektaara kuma3 fi 110 irratti muduraaleen garaagaraa oomishamaa kan jiran yoo ta'u, kanaan keessaa hektaarri 265 appiliidhaan uwwifameera jedhaniiru.

Lafa Appiliin itti oomishamaa jiru irraa Oomisha Kuntaala Kuma 25 fi 846 walitti qabuuf  karoorfamee,  adeemsa hanga ammaatti jiruun kuntaala kuma  11 fi 720 sassaabuun danda'ameera jedhaniiru.

.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015