Godina Wallagga bahaatti qonna gannaaf kan oolu galteen qonnaa raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga bahaatti qonna gannaaf kan oolu galteen qonnaa raabsamaa jira
Ebla 17/2018 (ENA)- Godina Wallagga bahaatti qonna gannaa bara oomishaa 2018/19tti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf kan oolu galtee qonnaa dhiheessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee dhiheessii fi fedhii galtee qonnaa obbo Lammii Aagaa akka ibsanitti, fedhii galtee qonnaan bulaan qabu adda baasuun bara oomishaa dhufu bu’a qabeessa gochuuf hojjetanaa jira.
Haala Kanaan xaa’oon kuntaala kuma 463 fi 744 godinicha qaqqabuu ibsanii, kuntaalli kuma 311 fi 877 qonnaan bulaaf raabsameera jedhaniiru.
Akkasumas sanyii filatamaan kuntaala kuma 13 ol dhihaatee kuntaala kuma 10 ol kan ta’u qonnaan bulaaf kennameera jedhaniiru.
Bara oomishichaatti lafti hektaara kuma 800 caalu akka misoomu ni abdatama.
Godinichatti Boqqolloon, Misingaa, Xaafii, Suufii fi Saliixiin akka misoomu eeranii,galteewwan calla dabalan qonnaan bulaaf kennamaa jiru jedhaniiru.
Qophiin mootummaan gamanumaa gochaa jirutti akka gammadan qonnaan bultoonni ibsaniiru.
Godinichatti jiraataan magaalaa Ukkee Caalii Kabbadaa, lafa heektaara 30 qabanirratti invastimantii qonnaa hojjechaa akka jiran ibsanii, galtee hojii kanaaf barbaachisu argachaa akka jiran himaniiru.