Tamsaasa Kallatti:

Baatiiwwan sagal darban godina Jimmaarraa Bunni tooniin kuma 52 gabaaf dhihaateera

Ebla 17/2018 (ENA)- Baatiiwwan sagal darban godina Jimmaarraa Bunni tooniin kuma 52 gabaaf dhihaachuu itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Tiijaanii Tamaam dubbatan.

Bunni oomishamu qulqullinnisaa eegamee gabaaf dhihaachaa akka jiruu fi dhiheessiinis wagga waggaan guddachaa dhufuusaa itti gaafatamaan kun ENA’f ibsaniiru.

Deeggarsi, hordoffii fi leenjiin yeroo yeroon qonnaan bulaaf taasifamu, qulqullinni bunaa akka eegamu gochuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan baatiiwwan sagal darban bunni tooniin kuma 52 gabaa biyya keessaa fi biyya alaaf dhihaateera jedhaniiru.

Buna qulqulluu gabaaf dhiheesuu keessatti qoodni waldaaleen hojii gamtaa bu’uraa olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira waldaalee hojii gamtaa godina Jimmaa Dimaamuu Nigaatuu gamasaaniin, godinichatti waldaaleen hojii gamtaa bu’uraa kuma 1 fi 300 akkasumas Yuuniyeenonni 4 akka argaman ibsaniiru.

Bara kana Godinichatti buna miicamaa Ispeeshaaliitii toonii kuma 4 fi 800 gabaa addunyaaf dhiheessuuf karoorfamee, baatii sagal darban karoorarraa dhibbantaa 600 dhiheessuun akka danda’ame mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015