Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee cichoomaan itti fufsiisaa jirti – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Ebla 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaalee fayyadamuun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fufteetti jechuun Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa gamaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajataa 2018 jalqabsiisaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, Itiyoophiyaan biyya guddoodha, kan isheef malus bakka guddaa ta'uu ibsuun, nuyis seenaa kana hojjechuuf carraan harka keenya jira jedhaniiru


 

Har'a raawwii gabaasa hojii guyyoota 100 sadaffaa bara baajata 2018 hoggantoota dhaabbilee Federaalaa Wajjin gamaggamuun eegalamuusaa Itti Aanaan ministira muummee beeksisaniiru.

Waltajjiin kun adeemsa seenaa haaraa Itiyoophiyaa galmeessuu kan itti gamaaggamu, kaleessa har'a wajjin, har'a immoo boru wajjin kan wal-qabsiisu daawwitii guddaa ta'uu itti dabaluun ibsaniiru.

Itiyoophiyaan kaleessa sirna ijaarsa biyyaa hin xumuramneen, hanqina demokraasii, walitti bu'iinsa naannoomaa fi biyyaalessummaan qoramti turte; har'a jijjiiramichaan mariin biyyaalessaa kan itti jalqabame, hirmaannaan paartiilee siyaasaa kan itti guddate, seeronni dhiibbaa uuman fooyya'anii imaammanni haqaa ce'umsaa kan itti ragga'ee fi tokkummaan sab-lammootaa kan itti cime boqonnaa siyaasaa haaraa banuushee dubbataniiru.

Iitti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Itiyoophiyaan Riifoormii Mandhaaleetiin kufaatii keessaaturte rraa ka'uun, imala badhaadhinaa jalqabde cichoomaan itti fuftetti jedhaniiru ergaa dabarsaniin

Jijjiiramicha dura pirojeektonni mallattoo qisaasamaa fi harkifannaa turan, akkasumas abaarsa "akka pirojeektii mootummaa dhaabbadhuu hafi " jedhamuun ture; har'a qulqullina hojii fi hordoffiidhaan cabsuun akka danda'ame ibsaniiru.

Yeroo amma pirojeektii jalqabuu, qulqullinaa fi ariitiidhaan xumuruun mallattoo mootummaa ta'uus mirkaneessaniiru.

Sochiin bu’uuraalee Misooma koridarii, pirojeektiiwwan maaddii dhalootaa fi damee dijitaalaa Itiyoophiyaan gageeffame maqaa gaarii biyya keenyaa fi magaalota keenyaa akkasumas tajaajila isaa jijjiireera jedhaniiru.

Itti dabaluunis, misooma qamadii fi sagantaa maaddii guutuun gabrummaa gargaarsa gaafachuu cabsuun gara wabii nyaataa mirkaneeffachuutti imalaa jirra jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Damee dippilomaasiinis gargaarsa gaafachuurraa gara Michummaa daldalaa fi invastimantii ce'uun, sadarkaa Idil-Addunyaatti beekamtii ishee sadarkaa ol-aanaatti ol guddisuushee gamaaggama gabaasaa irratti ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015