Tamsaasa Kallatti:

Finfinnee gidduugala saayinsii fi kalqaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 16/2018(ENA)- Finfinneen giddugala saayinsii fi kalaqaa (innovation) akka taatuuf hojiileen bal'aan hojjetamaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee, Agarsiisaa Saayinsii fi kalaqaa Magaalaa 11ffaa bananiiru.

Agarsiisni mata duree "Dhaloota saayinsii fi kalaqaan badhaadhe biyya fakkeenya taateef" jedhuun har'aa fi boruu banaa ta'ee ni tura.


 

Wayita agarsiisa kana eegalchiisan Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, sagantichi imala kalaqaa Magaalaa keenyaa sadarkaa tokko kan guddissu ta'uu ibsaniiru.

Kaayyoon ijoon qophii waltajjii agarsiisa Saayinsii fi kalaqaa har'aa, Barattoonni barnoota kutaa keessatti yaad-rimeen baratan gara hojiitti hiikanii kan itti agarsiisan mijeessuu ta'uu hubachiisaniiru.

Itti fufuunis, barattoonni dandeettii keessoo isaanii kan itti ibsan, hojii kalaqaa isaniif beekkamtii fi jajjabina kan itti argatan, akkasumas waltajjii muuxannoo walta’iinsaan hojjechuuf itti waljijjiiruuf carraa guddaa dha jedhaniiru.


 

Kantiibaa Adaanech, Beekumsi dhugaan rakkoolee irra deddeebi’anii dubbachuu osoo hin taane, furmaata itti kennuu fi rakkoo gara injifannotti jijjiiruu dha jechuun, Finfinnee giddugala saayinsii fi kalaqaa taasisuuf hojiileen bal'aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen amma jalqabaman bu'aa qabatamaa argamsiisuu akka eegalan ibsuun, jalqabbiin bu'a-qabeessi kun akka cimuuf qaamoleen hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Kantiibaa Adaanecha Barattootaa fi barsiisota har'a hojii kalaqaasaanii dhiyeessan irratti abdii guddaa akka qaban ibsuun, hojiiwwan kun guddatanii Magaalaaf, biyyaaf akkasumas Addunyaaf kan fayyadan akka ta'an amantii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015