Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan hojii haaromsaa damee hundaan hojiirra oolche bu'aa gaarii galmeessisaa jira - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Ebla 16/2018 (ENA):  Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa mootummaan hojii haaromsaa fi jalqabbii inisheetivootaa hojjechaa jiruun damee hundaan bu’aa gaarii galmeessisaa jira jedhan.

Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 bara baajataa 2018 bakka itti aanaa ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa fi hoggantoonni olaanoo dhaabbilee federaalaa argamanitti gaggeeffamaa jira.


Itti aanaan ministira muummee haasaa baniinsaa taasisaniin jijjiirama biyyaalessaa dura Itiyoophiyaan mootummaa guutuu hin taane, waliigaltee biyyaalessaa hin qabne, qoodinsa qabeenya haqa qabeessa hin taanee fi bulchiinsa dinagdeetiin rakkachaa akka turte ibsaniiru.

Keessattuu, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi oomishtummaan diinagdee gadi aanaa ta’uun biyyattii ba’aa liqaa ol’aanaa fi rakkoof saaxilee akka ture ibsaniiru.

Erga jijjiiramni dhufee as mootummaan mul’ata ifa ta’een aangoo qabateera; damee siyaasaa keessatti marii biyyaalessaa, imaammata haqaa ce’umsaa fi fooyya’iinsi seerota mana sirreessaa gaggeeffameera jedhani.

Haaromsi biyya keessaa dinagdee keessatti firii agarsiisaa akka jiru hubachiisuun; waggoota saddeet darban keessatti guddinni giddu galeessaa dhibbeentaa 7.5 kan galmaa’e yoo ta’u, bara kana guddinni dhibbeentaa 10.2 ni eegama jedhani.

Sagantaan mootummaan qopheesse kanneen akka ashaaraa magariisaa , misooma magariisaa,misooma qamadii fi maaddiin dhalootaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphachaa akka jiran himaniiru.

Akkasumas pirojektoonni daandii fi misoomni koridaraa bifa biyyattii ijaaruu, jijjiiruu, turizimii guddisuu fi magaalota jireenyaaf akka mijatan taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisan hubachiisaniiru.

Kana malees, Sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa fi Koodaroota Miiliyoona 5 ce'umsa teeknooloojii biyyattii saffisiisaa akka jirus ibsaniiru.

Akkasumas kenniinsi Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo(masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuufis jijjiirama fiduu isaa hubachiisaniiru.

Dabalataan dameen qonnaa gargaarsa makaanaayizeeshinii ammayyaatiin bifa haaraa qabachaa jiraachuu fi sirni kaffaltii dijitaalaa aadaa ta’aa jira jedhan.

Gama dippilomaasiitiin Itiyoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun gargaarsa irraa gara walta’iinsa daldalaa fi invastimantiitti ce’uun Afrikaa keessatti bakka invastimantii alaa adda duree ta’uu ishee eeraniiru.

Hoggansa pirojektii ilaalchisee pirojektoonni kanaan dura mallattoo malaammaltummaa fi harkifannaa akka ta’an eeruun, amma ammoo, piroojektiin kamiyyuu osoo hin gamaaggamiinii fi hin xumuramiin gara pirojektii haaraatti kan hin galamne sirni cimaan akka diriire mirkaneessaniiru.

Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa, ammallee qormaanni akka qaala’iinsa jireenyaa fi walitti bu’iinsa idil-addunyaa akka jiran hubachiisuun, kanneen irra aanuuf sirni “Karoora Tokko - Gabaasa Tokko” cimuu akka qabu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015