Ijaarsi Manneen Barnootaa bu’uura boruu Hirmaannaa Hawaasaatiin taasifamu cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi Manneen Barnootaa bu’uura boruu Hirmaannaa Hawaasaatiin taasifamu cimee itti fufeera
Ebla 16/2018 (ENA): Ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti tajaajila tola ooltummaatiin ijaarame itti fufuusaa Waajjirri Barnootaa godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa Girmaa Lammaa ENAtti akka himanitti, Bara bajataa kana keessatti waajjirichi aanaalee manneen barnootaa bu’uura boruu bakka manni barnootaa isaan hin qaqqabne 11 keessatti tajaajila tola ooltummaa hawaasa hirmaachisuun hojjechaa tureera.
Bara baajataa ji'oota sagal jalqabaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa "Bu’uura Boruu" 148 hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramuu himaniiru.
Manneen barnootaa kunneen haala barnoota sirna barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa daa’imman godinicha keessa jiraniif kan barbaachisu guutuu danda’uun gurmaa’uu isaaniis mirkaneessaniiru.
Keessattuu daa’imman gandoota baadiyyaa jiraniif carraa sadarkaa sadarkaa tokkoffaa duraa irraa fayyadamoo akka ta’aniif qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf qophiin mijataa ta’e uumamuu hubachiisaniiru.
Kana malees, qulqullina manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fooyyessuuf daree barnootaa dabalataa 620 ijaaramanii meeshaalee keessootiin kan guutaman ta’uu eeraniiru.
Manneen jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa kuma 1 fi 500 tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu isaaniis beeksisaniiru.
Bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 307tti tilmaamamu damee barnootaa godincha keessatti hojjetamuu ibsaniiru.
Hojiileen hirmaannaa hawaasaatiin gaggeeffaman dhaaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, qulqullina barnootaas ni fooyyessa jechuun ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA