Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha

Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu.


 

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru.

Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera.

Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa.

Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru.

Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru.


 

Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru.

Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru.

Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru.

Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo#ENA

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015