Tamsaasa Kallatti:

Hojiin misoomaa damee hundaan cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii

Ebla 16/2018 (ENA): Naannoo Hararitti hojiin misoomaa damee hundaan gaggeeffamaa ture cimee itti fufa jedhan bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii.

Mootummaan Naannoo Hararii gamaaggama raawwii hojii ji'oota sagal eegaleera.


Bulchaan naannichaa wayita sana akka himanitti, Gamaaggamni kun raawwii karoora damee tokkoon tokkoon isaanii irratti kaa’aman qorachuun kallattii kaa’uudhaan hojiiwwan gara fuula duraatiif qophaa’uu kan kaayyeffate ta’uu ibsani.

Hojiirra oolmaa isaa gama karooraa fi hudhaawwan adda baafamanii ji’oota sadan hafan keessatti hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru.

Bu’aa ba’ii fi qormaanni hojiiwwan damee hawaasummaa fi diinagdee keessatti hojjetaman, akkasumas faayidaan haqa qabeessa ta’e gamaaggamamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Guddina diinagdee naannichaaf gumaachi sektaroota turizimii, invastimantii fi kanneen biroo ilaalamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Hojiin gama oomishaa fi oomishtummaa qonnaa cimsuun hojjetamees ilaalamuu qaba.

Akkasumas hojiin gama olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi malaammaltummaa fi hojmaata badaa dhabamsiisuun hojjetamaa jiru gadi fageenyaan ilaalamuu qaba jedhan.

Hojiin tola ooltummaa ummata irratti xiyyeeffate cimee itti fufuus beeksisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015