Siwiidin Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu Caalmaatti Cimsuuf fedha akka qabdu beeksiste - ENA Afaan Oromoo
Siwiidin Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu Caalmaatti Cimsuuf fedha akka qabdu beeksiste
Ebla 16/2018(ENA)- Siwiidiin hariiroo gamlamee fi damee hedduurratti Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsu akka barbaaddu Ministeerri dhimma Alaa biyyattii beeksise.
Ministirri dhimma Alaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Siwiidin Mariiyaa Malmer Steenergardi waliin Istookolmitti Marii’ataniiru.
Mariisanii dhimmoota Gaanfaa Afriikaa fi dhimmoota Idil- Addunyaarratti marii’achuusaanii odeeffannoon Ministeera dhimmaa Alaarraa argame ni mul’isa.
Wayita sana hariiroo seenaa qabeessaa yeroo dheeraa akka qaban kan kaasan Ministirri dhimma Alaa kun, hariiroo kana cimsuuf fedha akka qaban ibsaniiru.
Hariiroo biyyootaa damee daldalaa fi invastimantiin caalaatti cimsuu akka barbaadan hubachiisaniiru.
Kaampaaniiwwan Siwiidin carraa invastimantii Itiyoophiyaatti uumametti akka fayyadaman waamicha dhiheessaniiru.
Gitnisaanii Siwiidin gamasaaniin, hariiiroon Itiyoophiyaa fi siwiidin cimaa ta’uu dubbataniiru.
Siwiidin hariiroo dhimmoota gamlamee fi damee hedduu irratti Ituyoophiyaa wajjin walta'iinsa isheen qabdu caalmaatti cimsuu akka barbaaddu ibsaniiru.