Tamsaasa Kallatti:

Dorgommiin bareedina ‘Mis Worlid Itiyoophiyaa ’ 24ffaa gaggeeffame

Ebla 15/2018 (ENA): Dorgommiin bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.
De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii gargaaraan piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee , gama namoomaa fi teessuma lafaatiin, bareedinni qabeenya Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Sagantaan kun duudhaa, aadaa fi duudhaalee biyyaa Itiyoophiyaa ijoollee ishee biratti akka mul’ataniifi addunyaatti akka mul’ataniif carraa kan kennu ta’uus himaniiru.

Dorgommiin miidhaginaa waggoota 24 darbaniif Miis Woorlid Itiyoophiyaan qophaa’e kun fakkii Itiyoophiyaa addunyaa maraa akka beeksise ibsaniiru.
Gumaacha modeelli Hasset Darajjee bara darbe Itiyoophiyaa beeksifte yaadachiisuun,Dorgomtoonni Itiyoophiyaa beeksisuuf itti gaafatamummaa akka qabanis hubachiisaniiru.
Dorgommii bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa irratti shamarran 50 kutaalee biyyattii adda addaa irraa kan hirmaatan yoo ta’u, dorgomtoonni ga’umsa gaarii agarsiisan 25 filatamaniiru.
Shamarree Ruut Yirgaalem Itiyoophiyaa bakka bu’uun filatamuun gonfoo Mis Worlid Itiyoophiyaa 2026 gaggeeffamu akka dorgaomtuuf filatamteetti.
Dorgommii bareedina Mis Worlid itti aanu irratti bakka bu’uun akka hirmaattu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015