Naannoo Oromiyaatti qamadii jallisii boneen misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 72 walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti qamadii jallisii boneen misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 72 walitti qabameera
Ebla 15/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti qamadii jallisii boneen misoomerraa hanga ammaatti callaan kuntaala miiliyoona 72 akka argame biiroon qonnaa naannichaa ibse.
Biirichatti daayirektarri misooma midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, bara kana naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee alergee guddisuuf hojiin Inisheetiivii misooma jallisii qonnaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Naannichatti godinaalee hundaatti qamadiin bal’inaan misoomaa jiraachuu kan himan obbo Musxafaan, yeroo ammaa qamadiin misoome walitti qabamuu eegaluusaa himaniiru.
Bara kanan qamadii jallisii boneen lafa hektaara miiliyoona 2 tuqa 1 irratti kaaan misoome yoo ta’u, hanga ammaatti callaan kuntaala miiliyoona 72 ol walitti qabamuusaa ibsaniiru.
Kan hafes xumuruuf tumsi taasifamaa akka jiru kan himan obbo Musxafaan, deeggarsi barbaachisu taasifaamaa jira jedhaniiru.