Tamsaasa Kallatti:

Aadaa keenya eeguu fi kunuunsuun guddina biyyaatiif oolchuu qabna - Dr. Utukaanaa Odaa

Ebla 15/2018(ENA): Aadaa keenya eeguu fi kunuunsuun guddina biyyaatiif oolchuu fi itti fayyadamuu qabna jedhan Itti-aanaan Hoogganaa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Dr. Utukaanaa Odaa.
 
Konfiraansiin Qorannoo Oromoo Idil-addunyaa 6ffaan Yuunivarsiitii Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Doktar Utukaanaan, aadaa eeguun, teeknoolojiin deeggaranii sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu barbaachisa jedhaniiru.

 
 
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaafiixaa gama isaaniin aadaan nageenyaa fi tokkummaa biyyaatiif shoora olaanaa akka qabu eeranii, yuunivarsiitichi waggoota 10'n darbaniif kana irratti hojjechaa turuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi waggoota dura yuunivarsiitota 12 waliin ta'uun qorannoo aadaa Oromoo irratti hojii jalqabuu isaa kan yaadachiisan Doktar Jamaal, kanaanis jijjiiramoonni hedduun dhufuu dubbataniiru.
 
Qorannoowwan yeroo gara yerootti gaggeeffaman gara uummataatti buusuun, jireenya lammiilee kan jijjiiru ta'uu qabus jedhan.
Fuuladurattis dhaabbilee barnoota ol'aanoo hunda waliin qindoomuun hojiiwwan biyya fayyadan hojjechuu cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.

Konfaransii kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni dhaabbilee barnootaa adda addaa irraa kan affeeraman yoo ta'uu waraqaa qorannoos dhiyeessaniiru.
Dabalataan Sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, haadhooliin Siinqee fi keessummoonni affeeraman hirmaachaa jiru.
 
Konfiraansii kana waliinis hundeeffamni Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo waggaa 10ffaa fi Gadaa Joornaal waggaa 8ffaa ni kabajama.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015