Tamsaasa Kallatti:

Ji’oota saglan darban Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa irraa galiin birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 argameera

Eebla 15/2018(ENA) - Ji’oota saglan darbanitti Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa irraa galiin birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 argamuusaa korporeeshiniiin Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa beeksise.

Ce’umsa gara industiriitti taasifamu mirkaneessuu, oomishaalee bakka bu’an oomishuu, al-ergii guddisuu fi carraa hojii bal’inaan uumuu kaayyeeffatee kan hundaa’e Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa Oromiyaa bu’aa argamsiisaa jiraachuunis himameera.

Korporeeshinichatti itti aanaan Hojii Raawwachiisaa Damee Misooma Paarkiiwwanii Obbo Salamoon Tufaa turtii ENA waalin taasiisaniin, gama Kanaan hojiiwwan gurgguddaan hojjetamaa jiraachuu himan.

Keessumaa bal’inaan kan hojiitti gale Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa fi kan Naqamtee dabalatee Giddu Gala Ce’umsa Baadiyyaa 6’n sochiin taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Kunneenis oomisha alaa galan kan bakka bu’an akka omishaaniif abbootii qabeenyaaf deggarsaa barbachisaa gochuu fi bu’uraalee misoomaa guutuudhan hojjetamaa jira jedhan.

Akka Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti Zayitiin liitirri miiliyona 3 fi miiliyoona 443 fi 477 abbootii qabeenyatiin oomishamee gabaa biyya keessatti raabsamuun qarshiin biliyoona 1 tuqaa 3 ta’u argamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Giddu-gala ce’umsaa baadiyyaawwan jiraanii fi kilaastara industirii manufaakchariing kanneenittis abbootiin qabeenyaa gara hojiitti akka galaniif karaa adda addaan hojiin beeksisuu hojjetamaa turuu himaniiru.

Waali galaan bara kana abbootii qabeenyaa 20 simachuuf karoorfamee karooraa ol abbootii qabeenyaa 35 simachuun akka danda’ame himaniiru.

Kanarraas galii birrii miliyoona 100 fi miliyoona 92 galchuuf karoorfamee isa keessaa ji’oota saglan darbanitti damee kana irraa birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 walitti qabamuu Obbo Salamoon himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun namoota kuma 2’f  carraa hojii banuuf karoorfamee karooraa ol namoota kuma 3 fi 250’f carraan hojii Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa kanneenirratti banameera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015