Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin mari’atan
Ebla 15/2018(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin mari’ataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin har’a ganama daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin marii bu’a qabeessa gaggeessineerra jedhaniiru.
Marii gooneen dhimmoota garagaraa dursi kennamuuf irratti kan mar’anne yoo ta’u, keessumaa hubannoo namtolchee(AI) gamtaa Afriikaa fi dursaa damee fayyaa dijitaalaa(Champion) ta’uun itti gaafatama haaraa naaf kenname ilaalchisuun bal’inaan dubbanneerra jechuun ibsaniiru.
Hojiileen kalaqaa guddina Afriikaaf yoomiyyuu taanaan bu’ura murteessaadha kan jedhan ministirri muummee, gufuuffan jijjiiramoo dame fayyaarratti numudatu irra aanuuf teeknooloojiiwwan hubannoo namtolchee fi dijitaalaa fayyadamuun sirna fayyaa keenya cimsuuf, qaqqabummaa bal’isuu fi ummata keenyaaf bu’aa fooyyee qabu galmeessisuuf murteessaadha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan muuxannoo qabdu ardichaaf qooduuf akkasumas teeknooloojii addunyaa saffisaan jijjiiramu waliin bu’a qabeessummaan tarkaanfachuuf tumsa cimaa hundeessuuf kutannoo qabdu irra deebi’uun ni mirkaneessitijechuun ibsaniiru.
Mul’ata kana gara qabatamaa fi bu’aa hammataatti jijjiiruuf Afriikaa siidiisii (Africa CDC) fi tumsitoota Ardichaa waliin hojjechuuf ani qophiidha jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaasaaniin.