Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhataniiru

 

Ebla 15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhachuusaanii ejensiin galmee siviilii naannichaa ibse.

Itti gaafatamaan ejensii galmee siviilii naannoo Hararii fi qindeessaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Saadaam Mahaammad akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa aanaalee magaalaa fi baadiyyaa biraan gahuuf hojjetamaa jira.

Baatiiwwan 9 darban namoonni kuma 180 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii fi walumaa gala amma ammaatti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii eeraniiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa milkaa’ina tiraanisfoormeeshinii dijitaalaaf gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru.

Keessumaa adda baastuun eenyummaa dijitaalaa dhaabbileen tajaajila si’ataa fi saffisaa akka kennan gargaaruun iftoomaa fi bulchiinsa gaarii buusuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Waraqaan eenyummaa kun kanneen tajaajila kennanii fi argatan jidduu wal amantaan akka jiraatu kan gargaaru, hojii dhaabbilee kan qindeessu, sadarkaa nama dhuunfaattis mirga ofii kan eegsisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaa sababoota garagaraan hin galmoofne wiirtuu galmee isaanitti dhihoo jirutti argamuun tajaajila kana akka argatan itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015