Tamsaasa Kallatti:

Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaati

Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajilaa gara filannoo socho’aatti(moobaayilaatti) jijjiiruun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Masoob Tajaajila socho’aa wayita ifatti eegalsiisan, Itiyoophiyaatti danqaawwan qaqqabummaa tajaajilaa yeroo dheeraaf mudatan furuuf damee mootummaas ta’e dhuunfaa keessatti jijjiiramni aadaa guddaan barbaachisaadha jedhan.

 
Kenniinsa tajaajilaa gara filannoo dijitaalaa fi socho’aa ykn moobaayilaatti ceesisuun itti quufinsa lammiilee guddisuun daandii ijoo badhaadhina biyyaa ta’uu ibsaniiru.
Waggoota kurnan darban keessatti mootummoonni adda addaa sivil sarvisii haaromsuuf yaalii taasisanis, tajaajila kana hanga barbaadamutti fooyyessuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.
Kanaaf sababni guddaan aadaa dhaabbataa fi dhuunfaa yeroo dheeraaf ture jijjiiruun, malaammaltummaa dhabamsiisuu fi akkaataa hojii namootaa irratti jijjiirama fiduun salphaa waan hin taaneef.
 
Riifoormiin erga jijjiirama biyyaalessaa dhufee kaasee tarsiimoo dizaayinii gochuun sirna dhaabbilee ijaaruun damee tajaajilaa keessatti taasifamaa ture bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhaniiru.
Qonna, industirii, turizimii, albuudaa fi damee hedduu dijitaalaa keessatti utubaawwan guddina dinagdee mijeessuuf meeshaa ijoo ta’uu eeraniiru.
Telekoomii, faayinaansii fi dameewwan birootiin bu’aan galmaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.
 
Lakkoofsi wiirtuuwwan tajaajila giddugala iddoo tokkoo waggaa tokko keessatti gara 45tti ol guddachuu fi lakkoofsa kana gara 100 ol guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Waggaa darbe keessa lammiileen miliyoona tokkoo ol tajaajila giddugala iddoo tokkoo argachuu isaanii ibsuun, giddugalaloota kanneen keessatti tajaajila gosa kuma 3tti dhiyaatu kennamaa akka jiran hubachiisaniiru.
 
Itiyoophiyaatti wiirtuuleen tajaajila giddugala iddoo tokkoo amma jiran gahaa akka hin taane eeruun, tajaajila kana hawaasa biratti dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila giddugala tokkoo gara sochootuutti kennuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Konkolaattonni tajaajila kana kennan humna ibsaa fi boba'aan kan hojjetan yoo ta’u, intarneetii fi bu’uuraalee misoomaa guutuu kan qabanidha.
Isaan kunniinis Finfinnee fi naannolee keessatti bal’inaan kan itti fayyadaman ta’uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
 
 
 
 
 
 
 
 
 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015