Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf qophii taatee jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf qophii taatee jirti
Ebla 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu isheetiin alatti, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatif riifoormii dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee himaniiru.
Walgahiin Garee Hojii 7ffaa Miseensummaa Itiyoophiyaa Waldaa daldala addunyaa irratti Gaggeeffamu Siwiizarlaand Jeeneevaatti ifatti eegalameera.
Ministirichi haasaa baniinsaa taasisaniin, Dura taa’aa, Sekreetariyaatii fi miseensonni Walgahii Garee Hojii imala miseensummaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa cimaa taasisaniif galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan Walgahii Garee Hojii 6ffaa Fulbaana darbe gaggeeffame irraa eegalee marii biyyoota hedduu fi biyyoota lamaanii irratti guddina olaanaa galmeessitee jirti jedhan.
Hojii gaaffilee biyyoota miseensa 226’f deebii gadi fageenya qabu kennuu, wixinee gabaasa garee hojii qopheessuu fi keewwata dirqamaa 32 xumuruus ibsaniiru.
Miseensota 9 waliin marii qaqqabummaa gabaa biyyoota lamaanii xumuruu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan dhimmoota barbaachisoo hafan miseensonni kaasan qabiyyee dagaagee fi bifa ijaarsa qabuun furuuf kutannoo akka qabdus ibsaniiru.
Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatiif daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu bira darbee sirna daldala idil-addunyaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru.
Walgahiin garee hojii 7ffaan har'aa fi boruu guyyaa guutuu kan gaggeeffamu ta'uu ENA’n bakkichaa argate ni mul'isa.