Tamsaasa Kallatti:

Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa

Ebla 14/2018 (ENA): Waldaan Qorannooo Oromoo beekumsa mandhalee Oromoo qorachuun beekumsa haaraa maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu walitti qabaan boordii waldaa qorannoo Oromoo Piroofeesar Baqqalaa Guutamaa himani. 

Konfiraansiin Qorannoo Idil Addunyaa 2ffaan qindoomina Waldaa Qorannoo Oromoofi Yuunivarsiitii Ambootiin qophaa'e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.


 

Konfiransicharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Walitti Qabaan Boordii Waldaa Qorannoo Oromoo Pirofeesar Baqqalaa Guutamaa, Waldaan Qorannoo Oromoo beekumsa uummanni Oromoo qaburratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun ifatti baasuufi beekumsa haaraa maddisiisuurratti xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Waldichi erga hundaa'ee konfiransiiwwan garaagaraa qopheessuun hayyoonni dhimma Oromoorratti yaada akka waljijjiiran taasisuu, qorannoowwan adda addaafi dhimma Finfinneerratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun kitaaba barreessuun hawaasa biraan gahuu dubbataniiru.

 Pirezidaantii Itti Aanaan Yuunivarsiitii Amboo Dr. Salamoon Maashoo gamasaaniin, Yuunivarsiitiin Amboo hojii baruufi barsiisuu cinaatti dhimma Oromoofi Oromummaarratti dammaqinaan hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Yuunivarsiitichi dhaabbilee dhimma Oromoorratti hojjatan waliin qindoomuun hojjachaa jiraachuufi fuuldurattis ciminaan kan hojjatu ta'uu dubbataniiru.


Pirezidaantii FDRI duraanii Dr. Mulaatuu Tashoomaa konfiransicharratti argamuun ergaa dabarsaniin, seenaa, aadaa, dhuudhaafi eenyummaa uummata Oromoo dhokatee ture qorachuu, beeksisuufi guddisuun dhalootaatti dabarsuuf dhaabbileen qorannoo barbaachisaa ta'uu himan.

Waldaan Qorannoo Oromoo dhimma Oromoorratti hojii qorannoofi qo'annoo adda addaa gaggeessuun beeksisuun dirqamasaa bahachaa jiru cimsee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015