Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafti hektaarri miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafti hektaarri miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa jira
Eebla 14/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafa hektaara miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa akka jiru Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.
Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENAtti akka himanitti, qophii qonna gannaa bara kanaaf sochii bal’aan taasifamaa jira.
Akka naannoo Oromiyaatti oomisha qonnarraa argamu keessaa dhibbantaa 80 ol kan ta’uu waqtii gannaa kan oomishamu ta’uu eeranii, hojii kanaaf qophii gahaa fi galteewwan barbaachisu guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu obboo Musxafaan himaniiru.
Naannichatti bara kana lafa heekataara miliyoona 11 ol misoomsuun kuntaala miliyoona 380 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetama jira jedhan.
Kana keessaas lafti heektaarri kuma 250 badiyyaa bulchiinsa magaalaan hoogganaman keessaatti kan misoomu ta’uu himaniiru.
Lafa qonna gannaaf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektara miliyoonni 2 tuqaa 1 qotamee qophaa’uu eeraniiru.
Kana keessaas bara kan lafa qotamu keessaa dhibbeentaan 50 tiraaktaraan qotamaa jira jedhaniiru.
Dabalataan qonnaan bultoonnis bakkeewwan Tiraaktaraan qotuun hin danda’amnetti Jigii fi Daboon wal gargaaranii haalaan akka qopheeffataniif deeggarsii fi hordoffiin taasisamaafii jirachuu himaniiru.
Naannichatti bara kana qonna waliigalaaf xaa’oon kumtaala miliyoona 14 tuqaa 3 dhiheesuuf kan karoorfame yoo ta’uu, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miliyoona 7 tuqaa 8 dhihaachuu himaniiru.
Akkasumas shanyiin midhaanii filatamaa fi fooyya’aa kuntaala miliyona 2 tuqaa 1 qonnaan bulaaf ni dhiyaata jechuun dubbataniiru.
Karoora kana galmaan gahuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi qonnaan bultoonni qindoominaan kan hojjetan yoo ta’u, deeggarsii hordoffiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan obbo Musxafaan.