Tamsaasa Kallatti:

Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarse

Ebla 14/2018 (ENA) - Manni maree ministirootaawalgahii idilee 54ffaa taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera.

1. Jalqaba kan mari’ate deeggarsaa fi liqii faayinaansii lama irrattidha. Kan jalqabaa karoora dinagdee mandhalee raawwachiisuuf kan oolu ejensii misoomaa Faransaayii irraa walii galteewwan Yuuroo miiliyoona saddetama(80,000,000) irrattidha. Kan lammataa sagantaa fooyyessa dhiheessii maallaqa xiqqaa baadiyyaaf kan oolu baankii invastimantii Awurooppaarraa waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona dhibba kudhanii (110,000,000) dha. Manni maree sagalee guutuudhaan mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera.

2. Manni marichaa lammata irratti walii galtee warshaa oomishaa fi qiqindeessaa Xaa’oo biyya keenyaa kan ilaallatu onnachiiftuu fi eegumsa invastimantiirratti mari’ateera. Waliigaltee kana ministeerri maallaqaa akka mallatteessuu fi hojii akka eegalu sagalee guutuun deeggarameera.

3. Sadaffaa manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uraalee misoomaa ijoorratti mari’ateera. Manni marichaa Wixinee labsii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

4. mootAkkasumas manni maree kun waliigalteewwan gamlamee idil addunyaa 6 irratti mari’ateera.

Kan jalqabaa akkuma tartiibasaaniitti waliigalteewwan mootummaa rippaabiliikii sooshaalistii Veetinaam fi federeeshinii Ruusiyaa waliin waliigalteewwan namoota dippilomaatikii ykn paaspoortii tajaajilaa qabaniif viisaa hambisuu fi wiirtuu qo’annoo Baayoloojii hundeessuuti. Walii galteewwan kunneen Hariiroo gam lame Itiyoophiyaan biyyoota lamaan waliin qabdu cimsuu fi sochii dame qo’annoo fi qorannoo saayinsaawaa taasiftu deeggaruuf akka gargaaran mana mareef dhihaataniiru.

Kan lammaffaa waliigalteewwan tajaajila qilleensaa afur mootummaa mootii Oswatiinii, mootummaa rippaabiliikii Angoolaa, mootummaa rippaabiliikii ummataa Baangilaadeesh fi mootummaa rippaabiliikii Seraaliyoon waliin taasifaman irratti mari’ateera. Waliigalteewwan kunneen daandiin qilleensaa balalliiwwan gara magaalaa muummee biyyoota kanneeniitti mirga tiraafikaa 3ffaa fi 4ffaan deddeebii imaltootaa fi fe’isaa gochuuf, daandiiwwan qilleensaa bakka buutota shariikummaan bobbaasuuf, mirga tiraafikaa shanaffaatiin bakka gahumsaa filatamanitti balali’uuf, kan gargaaranii fi hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi biyyoota kana waliin qabdu cimsuuf, daandii qilleensichaaf gabaa dabalataa uumuuf, invastimantii kallattii kalaa onnachiisuuf, carraa hojii uumuuf argannoo sharafa alaa fi tuurizimiif faayidaa guddaa waan qabaniif mana mareef dhihaataniiru.

Manni marichaa dhimmoota kanarratti mari’achuun wixineewwan labsii kanneen mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera.

5. Manni marii kun xumurarratti danbuu tajaajila balaawwan ibiddaa fi tasa mudatan hundeessurratti mari’ateera. Manni maree kun dambii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun guyyaa gaazexaa magalataa federaalaarratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

Ebla 14 bara 2018

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015