Kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu'uuraa barbaachisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu'uuraa barbaachisa - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ebla 14/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kenniinsa tajaajila biyyaalessaa keessatti jijjiiramni aadaa bu’uuraa akka barbaachisu ibsaniiru.
Utubaalee misoomaa karoorfaman shanan keessaa teeknooloojii damee tajaajilaaf akka meeshaa ijootti fayyadamuun si’aayina tajaajilaafi waliinga’iinsa fooyyessuuf kutannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan sirna kenniinsa tajaajilaa wiirtuu tokkoo (Masoob) yeroo dhiyootti qofa kan eegale ta’us, itti quufinsi maamiltootaa olaanaa tajaajila Masoob keessatti mul’ate bu’a qabeessummaa moodeela daldalaa ifatti kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Sirnicha daran babal’isuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, tajaajilli moobaayilaa Masob har’a ifatti eegalame kunis qaama hojii itti fufee jiru kanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Sirna kenniinsa tajaajilaa Tajaajila Giddugala Tokkoo (Masoob) hojiirra oolchuu kan eeggalle yeroo gabaabaa ta’us itti quufiinsi maamiltootaa argame bu’aa qabeessummaa isaa ifatti mirkaneesseera jedhan.
Kunis hojimaata isaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e agarsiisa jedhanii; guyyaa har’aa ifatti kan eebbifame Tajaajilli Masoob Socho’aan( Mobile Service) qaama sosochii hojii kanaa ta’uu ibsan.
Lammiileen keenya yeroo isaanii haalaan akka fayyadamaniifi qusannaa yeroo hiika qabeessa akka argatan gochuuf tajaajiloota qindaa’aa kanneen waliingahuuf itti fufna jedhaniiru ergaa isaaniin.