Hojiileen waggoottan darban raawwataman Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif akka filatamtu ishee taasiseera-Doktar Fitsum Asaffaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen waggoottan darban raawwataman Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif akka filatamtu ishee taasiseera-Doktar Fitsum Asaffaa
Ebla 14/2018 (ENA) - Hojiileen waggoottan darban raawwataman Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif akka filatamtu ishee taasisuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa ibsan.
Bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti qorannoo guyyoota 100 fi gabaasa raawwii hojii baatii 9 kan dhiheessan ministirri kun akka ibsanitti, haala ta’ee hin beekneen waggoottan darban hoggantoonni hedduun Itiyoophiyaa daawwataniiru.
Kun kan raawwatame hojii jijjiiramaa fi haala mijataa jijjiiramni sababa Kanaan dhufaa jiru uumeen akka ta’e hubachiisaniiru.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaan deeggarsaa mannaatii tumsa daldalaa fi invastimantii kan filattu akkasumas dandeettiin dorgommiif qabdu caalee kan mul’atu ta’uu ibsaniiru.
Karaan ittiin of mul’ifne Itiyoophiyaan ilaalcha gargaaramuu mannaatii birmadummaashee kan mirkaneessite deeggarsa yoo barbaaddes ofiisheetiin milkeessuu kan dandeessu ta’uu himaniiru.
Itti dabaluunis, seenessi Itiyoophiyaan addunyaa waliin firoomuu kan barbaaddu daldalaa fi invastimantiini jedhu qoodasaa baheera jedhan ministirri kun.
Hojiin hojjetamanii fi bu’aaleen misoomaa argaman dandeettii ni danda’ama jedhu agarsiisuun Itiyoophiyaan hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota garagaraa waliin qabdu kan jijjiiran ta’uu himaniiru.
Gama dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa fi adda durummaa riijinii fi idil addunyaatiinis hojiin guddaan hojjetamuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan imaammata ittiin gaggeeffamtuu fi ashaaraa magariisaa dabalatee jijjiirama haala qilleensaarratti hojiin qabatamaan hojjette sadarkaa Afriikaa fi idil addunyaatti qoodni adda durummaa agarsiifte biyya maqaa dhahamtu akka ishee taasise himaniiru.
Yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa milkaa’inaan keessummeessuu danda’uunshee qoota mataasaa bahateera jedhaniiru.
Dabalataanis yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa (COP 32 ) akka keessummeessitu filatamuunshee agarsiifuu ta’uusaa akka ta’e eeraniiru